Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Hidha Laga Abbayyaa Bishaan Guutuu Kan Marsaa Lammataa Xumuramuun Ibsame


Hojiin Hidha Laga Abbayyaa Bishaan Guutuu Kan Marsaa Lammataa Xumuramuun Ibsame
Hojiin Hidha Laga Abbayyaa Bishaan Guutuu Kan Marsaa Lammataa Xumuramuun Ibsame

Hidha laga Abbayyaa bishaaniin guutuuf hojiin marsaa lammataa gaggeeffamee har’a waaree booda xuxmuramuu isaa kan achitti argaman Ministeerri bishaan jallisii fi enerjii kan Itiyoophiyaa Dr. Silashii Baqqalaa ibsanii jiru.

Bishaan marsaa lammataa guutamuu isaan tarbaayinii lamaan humna maddisisuuf kan gargaaru ta’uu fi baatii 2 fi 3 keessatti hojii akka jalqabu gochuun hojii itti aanuu kan jedhan Dr Silashiin, roobnii Gannaa guddaa ta’uun dafee akka guutuu gochuu isaa fi kunis baatii caamsaa roobuu eegaluu isaan ta’u ibsanii jira.

Itiyoophiyaa sudaa fi Masrii giddutti walii galteen dhabamuu isaaf madda kan ta’e ijaarsii hidha kanaa, hanqiina bishaanii dabalatee midhaa adda addaa akka irraan ga’u biyyonni lameen irra deddebi’uun ibsaa turan.

Ta’uus garu bishaan kun yeroo guutameetti inni yaa’uu qabu akka hin danqamnee, kuufamnii kun balaa loolaa bishaanii dhaqqabuu malu hambisuu isaa Dr Silashiin ibsanii jiru.

Bishaan laga Abbayyaa madaalii isaa eegee gara fuula duraatti kanneen itti fayyadamaniif balaa inni geesisuu caalaa bu’aa guddaa waan qabaatuuf Sudaanii fi Masriin Itiyoophiyaa waliin dubbiin wal barbaachuu manna ollummaa gaariin jiraachuu akka qaban Dr Silashii Baqqalaa dhaamsa dabarsanii jiru.

Waa’ee hidha laga Abbayyaa gamtaa Afrikaan alattis tokkummaan mootummootaa, gamytaa Awuroopaa fi Amerikaan maanguddummaan itti haa hirmaatan jechuun Sudaanii fi Masriin gaaffii eega dhiyeessanii booda Itiyoophiyaan fudhatama waan dhabsiisfteef jecha, mariin biyyota sadeen gidduutti gaggeeffamuu eega addaan cite baatileen lakka’amanii jiru jechuun Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG