Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ragaa Abbaan Alangaa Dhiheessu Dhugaa Ta’u Attamiin Mirkaneessuun Danda’ama? 


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Hogganoota paartii mormituu Kongreesa Federaalawaa Oromoo ka ta’an Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa irratti ragaan sagalee fi barreeffamaa dhiyaatee jira.

Keessumaa ragaaleen Dijiital kan akka I-meelii, Fees Bookii kan marsariitii hawaasaa irraa argamee, vidiyoo fi sagalee bilbilaa fi haala adda addaan waraabame kfn mala adda addaan keessaa hanqisuu itti dabaluu ykn himannaa dhiyaate waliin akka wal simatan gochuun sirreessuun ni danda’ama.

Ragaaleen barreeffamaa fi meeshaalee adda addaa yeroo mana hidhamtootaa sakataaneetti argaman jedhaman mara dhugumaan achii fudhamuu isaaf ragaan agarsiisu maali?

Kun hundumtuu mirkaneeffamuun murtii haqaa kennuuf bu’uura waan ta’uuf dhimmi itti yaadamuu qabu ta’a. Ija Kanaan yeroo ilaalamuu ragaan hogganoota KFO irratti abbaan alangaa dhiyeesse maal fakkaata? Abukaatoo kan ta’an Obbo Abdul-Jabaar Huseenii fi Obbo Ammahaa Mokonneen ragaan abba alangaa dhiyeeffate irratti deebii ofii barreessanii galchanii jiran.

Deebii kenname kan ilaaleen gaaffii fi deebii Obbo Abdul-Jabaar Huseenii waliin gaggeessinee jirra.

Kutaa tokkoffaa Kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Ragaa Abbaan Alangaa Dhiheessu Dhugaa Ta’u Attamiin Mirkaneessuun Danda’ama? Kutaa 1 ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:09 0:00

Kutaa lammaffaa kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Ragaa Abbaan Alangaa Dhiheessu Dhugaa Ta’u Attamiin Mirkaneessuun Danda’ama? Kutaa 2 ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:11 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG