AMBOO —
Xiinxalaa Siyaasaa Iyyaaspeed Tasfaayee magaalaa Finfinnee keessatti poolisiin hidhame jedhame.
Haaluma Walfakkaatuun, Gaazexessaafi Barreessaa Hinseenee Makuriyaa, Torban Sanbata duraa dheengaddaa, magaalaa Finfinnee keessatti, humnoota naga-eegumsa mootummaan bakka hojiisaarraa qabamee hidhamuu, hiriyaa isaafi namni, mana kitaabaa isaa keessatti waliin hojjatan Sagalee Ameerikaatti himan.
Dhimma kanarratti, Komishiniin Poolisii Finfinnee deebii akka kennuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne, akkuma deebii arganneen qabannee dhiyaanna.
Naakoor Malkaa gabaasa isaa Amborraa ergeera.