Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhii Laga Abbayaa Guutamaa Jira Jedhame


Faayilii - Hidha Laga Abbayaa
Faayilii - Hidha Laga Abbayaa

Itiyoophiyaan hidha laga Abayyaati marsaa lammafaadhaaf bishaan kuusuu jalqabuu ishee biyyi Masirii ibsiteetti.

Dhimichii Gaanfa Afrikaa irratii muddama uumuu akka danda’u fi Manii Maree Nageenya Adduunyaa dhimuma kana irratii marii gochudhaaf akka deemaa jiru Asoosheetid prees gabaseera.

Walgahii mana maree kana irratii sudaanis kan himaatu Yemmuu ta’u tarkanifii bishaan kuusuu itiyoophiyaan fudhatte ilaalchisee biyyi masr walgalteedhaan ala bishaan kuusuu jalqabuun nageenyaa fi tasgabbii naanichaatiif sodaachisaadha jeteetti.

Waldhabiinsii dhimma bishaanichaa ilaalchisee amma jiru Itiyoophiyaan bishaan ishee barbaachisu ammamitii guuttee fixxi isa jedhuu fi yoo hongeen bara dheeraa biyyotaan gajjallaa jiranii irrati dhalatee Itiyoophiyaa bishaan ammam gad lakisuu dandeetii kan jedhuudha.

Sudaaniif masr akkaataa guutinsa bishaani fi itti fayyadamaa ilaalichisee seeraan wantii hidhamee tokkoo jiraachuu akka qabu, Dhaabatin mootumoota gamtoomanii, mootumaan yunaayitid isteets fi gamtaan Aworoopaa akka isaan gargaaru gaafachaa akka jiran hin beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG