Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Jimaata Buufata Poolisii Aanaa Mooyyalee’rratti namootni Naannoo 5 dhufan Meeshaa gurguddaa dhukaasani – Waajjira Poolisii Aanaa Mooyyalee


Jimaata darbe hidhattoonni ‘Miseensa Liyyuu Poolisiiti’ jedhaman Waajjira Poolisii Aanaa Mooyyaleerratti Meeshaa gurguddaa irratti dhukaasuun balaa geessisan. Jiraattonni Magaalattii, hidhattoonni kun hedduummatanii dhufanii dhukaasa bananii dallaa waajjra poolisii fi dukkaana naannoo sana ture gubuullee dubbatu. Humni Poolisii Oromiyaa, Humna Raayyaa Ittisa biyyaa waliin hidhattoota kana irratti tarkaanfii fudhateen lubbuun namaallee darbeera jedhu jiraattonni. Dhimma kana Obbo Cheruu Gebre Sillaasee Itti Aanaa Kantiibaa Moyaalee gaafannee, hidhattoonni kun balaa geessisuu himanii lubbuu namaa bahe adda baafachuu akka hin dandeenye ka dubbatan. Koomander Naggaa Tirbiis hidhattoonni kun meeshaa gurguddaa akka waajjira isaaniirratti dhukaasan Raadiyoo VOAf’ himaniiru.

Galmoo Daawit dabalatasaa qopheesseera.

‘Jimaata Buufata Poolisii Aanaa Mooyyalee’rratti namootni Naannoo 5 dhufan Meeshaa gurguddaa dhukaasani – Waajjira Poolisii Aanaa Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:16 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG