Gareen mirga namoomaaf falmu, Hiiwman Raayits Waach mootummaan Itiyoophiyaa hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaatii gadhiisuu isaa simate. Dhabbanni wajjirri isaa muummen magaala Niiw Yoorki keessa ta’e, Hiiwmaan Raayits Waach, ibsa Jimaata harraa baasen namoonni siyaasaa kun mirga wabiitiin gadhiifamuun isaanii “maatii isaaniif boqonnaa kenna” jedheera.
Haaluma wal fakkaatuun Biiroon Dhimmoota Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Yunaaytid Isteets miidiyaa hawaasaa X irratti maxxansa baasen marii hookkara kana dhaabuu fi lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf nagaha waaraa buusuf kaayyeffate deeggaruuf qophii ta’uu ibsuudhan gadhiifamuu hoggantoota ABO simateea.
Forum