Pireezidaantiin Konfedereeshinii Gamtaa Hojjetoota Itiyoophiyaa obbo Kaasaahun Fooloo, Biiroon Nageenyaa kan Finfinnee hiriira hojjettootaa har’a gaggeeffamuuf karoorfame dhorkeera jechuun himataniiru.
Obbo Kassahun Fooloo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, hiriirri kun gaaffi hojjattootaaf furmaata ariifataa gaafachuuf magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffamuuf karoorfamee ture.
Akka pirezidaantichi kun jedhanitti, konfedereeshiniin kun Dilaala ykn gibira galii hojjettootaa hir’isuu, mindaa xiqqaan meeqa ta’u akka qabu,, mirga gurmaa’uu fi dhimmoota hojjattoota irratti dhiibbaa geesiisan biroo wajjin walqabatan mootummaa gaafachuuf karoorfatee ture jechuun Gebremika'el Gebremedin Finfinnee irraa gabaasee jira.
GG/JG/TG
Forum