Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira deeggarsa Jawaar Mohaammadiif Awwadaayii fi Dirree Dawaatti bahan irratti nama ijjeesan hedduutti madaa'e Calanqoo nagumaan bahan


Anti govement protest by Jawar Mohammed supporters, Ambo, Oromia, Ethiopia, October 23, 2019 VOA/Nakor Melka
Anti govement protest by Jawar Mohammed supporters, Ambo, Oromia, Ethiopia, October 23, 2019 VOA/Nakor Melka

Hiriira Deeggrsa Jawaar Mohaammadiif Harargee Bahaatti Bahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:39 0:00

Akka warrii lafaa jedhetti warrii Calanqoo “Jawaar goota keenna jechaa hiriira bahe. Hiriirallee nagumaan bahee galellee.

Warri Dirree Dawaalleen deeggarsa Jawaariif qabu agarsiisuuf ganumaan hiriiratti yaa’e. Akka itti aanaa bulchaan Dirree Dawaa, Kadir Jawaar jedhetti bulchiinsii isaanii akka nama tokko hiririra kana irratti ijjeesan dhagahee qulqulleefachuutti jiran. Namii madaahelleen hinuma jira.

Tana maleellee akka bulchiinsii jedhetti warrii hiriira kana jala qabeenna namaa balleessuu fedhullee tanuma jala dhufe.

“Nama afuritti madaahee sadii dhiiraa tokko ammoo dhalaa.”

Awwadaay

Hiriira warrii lafaa nama kuma hedduutti baaddiyaallee itti dhufee Awwadaayitti bahan jedhan irratti gurbaa ganna 19 Araarsoo Bakar Iboroo ijjeesan.

Akka obboleessii isaa Mohamed Bakar Ibroo jedhetti obboleessa isaa diqqaa waraana mootummaatti ijjeese.Isa qofaa mitii nama haga jaha dhibiitti harka waraana Itoophiyaatti lubbuu dhabee jedhe.

Bulchaan Awwadaay Jaffar Mohammed gurbaan ganna 19 rasaasa waraanii mootummaa tokkoseen ijjeefamuun ya mirkanse.

Gurbaa kana yaa jarii hiriiree naannoo Harerii gahe achitti itti dhukaasan.Bulchiinsii isaaniilleen ijjeechaa tana qorachuutti jiraa jedha.

Yoo obbo Jaffaar hospitaala madoolee tana itti akiman Hiywot Faanaa dhaqellee ambulaansii gara garaa hospitaalaati yaahuutti jira.

Obboleesisi gurbaa ijjeesanii ammoo yoo obboleessa isaa wallaansaaf Hiywot Faanaa geessa nama achitti du’e torba tahui fi madoolee hedduu arge jedhe. Tana bulchiinsa irraa qulqulleeffachuuf jedhee nuu hin taane.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG