Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Fonqolcha Mootummaa Sudaan Irratti Namoonni 17 Du’uu Ogeessonni Fayyaa Beeksisan


FAAYILII - Hiriira mormii Sudaan keessaa, Amajjii 3, 2022
FAAYILII - Hiriira mormii Sudaan keessaa, Amajjii 3, 2022

Huumnoonni mootummaa Sudaan mormitoota farra fonqolcha mootummaa torba kaleessa ajjeesuu isaanii ogeessonni eegumsa fayyaa kan ibsan yoo ta’u, hooggnoonni naga eegumsaa immoo yakkamtoonni seeraan kan gaafataman ta’uu ibsaniiru.

Hookkarri dhiyeenyaa kun kan dhaga’ame diplomaatonni Yunaayitid Isteetis biyyattii daawwachuu isaanii dura, akkasumas ennaa Washington rakkoo Sudaan kan baatii dhaaraaf ture dhaabsisuuf ennaa yaalii gochaa jirutti.

Waraanni Jeneraal Abdel Fattaah Burhaaniin hoogganamu Onkoloolessa 25 aangoo erga dhuunfatee booda ajjeechaan wixata kaleessaa lakkoobsa hiriirtota mormii du’aii 71n ga’ee jira.

Ebala bara 2019 prezidaant Omar al Bshir aangoo irraa erga darbamanii booda waraanni aangoo qabachuun qeeqa sadarkaa addunyaa dhaqqabsiisee, bulhiinsa gara siiviliitti geessuuf yeroo ce’umsaa laaffataa ta’e illee danqee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG