Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Kaleessa VOA Irratti Geggessamee fi Deebii Dhabbatichi Kenne


Hiriira Kaleessa VOA Irratti Geggessamee

Magaala Waashiingtan Dii Sii (DC) fi naannoo ishee kanneen jiraatan irra hedduun isaanii dhalattoota Tigraay kanneen ta’an Kamiisa kaleessaa waajiira Raadiyoo sagalee Amerikaa (RSA) fuula duratti hiriiranii turan.

Hiriira Kaleessa VOA Irratti Geggessamee fi Deebii Dhabbatichi Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:58 0:00

Tigraay keeessa haala jiru kan ilaaleen gabaafamaa hin jiruu akkasumas kan gabaafamuus madaalii kan eege miti jechuun himatan.

Kanaafiis Bulchiinsii RSA (VOA)n haala kan qoratee hojjattoota dogoggoora hojjatan ittiin jedhan itti gaafatamoo akka godhuuf hiriirtoonni kun gaafatanii jiru

Haala Tigraay keessaa fi akkaataa itti Raadiyoon Sagalee Amerikaa (RSA)gabaasu kan ilaaleen dhalattonni Tigraay kanneen magaala Waashiingtan Dii Sii keessa jiru waajiira VOA fulleetti Robii kaleessaa hiriiraniif Raadiyoon sagalee Amerikaa deebiin kennee jira.

VOAn Itiyoophiyaa fi bulchiinsa naannoo Tigraay kan ilaaleen haala madaalawaa fi sirrii ta’een gabaasuuf kan danda’ame mara goonee jirra.Walitti bu’iinsa kutaa Sanaa kan ilaaleen wanni namootatti dhaga’aman jajjbootu jira.Nutis deggertoota gama hundaa irraa kan dhageenyu qabna. Kaayyoon keenya Gaazexxessuummaa waan qabatamaa irratti hundaa’ee waan ta’eef Komee dhiyaatan qorannee tarkaanfii fudhanna.

Barbaaachisaa ta’e yeroo argameetti dhimmi kana irrattis ta’e kannen biroo kamiin iyyu irratti gabaasa madaalawaa, sirrii fi hunda of keessaa qabu dhiyeessuu kan jedhu qajeelfama keenya haala cabseen Gaazeexxessoota gabaasan irratti tarkaanfii ni fudhanna.Ta’uus garu dhimma hojjattootaa kan dhunfaan ta’an irratti yaada hin laannu.

Odeeffannoo jiru haala walaba ta’een qulqulleefachuu ni yaalla.Tamsaasii sagantaalee Afaan Amaaraa , Afaan Oromoo fi Afaan Tigreen dabarsiinu torbanti namoota Miliyoona 12 ta’an tajaajiila.

Sababaan isaas dhaggeeffattonni keenya gabaasnii dhiyeessinuu giddu seensa siyaasaa irraa walaba ta’u hubatu. Walitti bu’iinsa kutaa gaanfa Afrikaa keessaa qofa irratti otoo hin taanee oduu addunyaa gabaasnuu kamiin iyyu keessatti Itti gaafatama guddaa nu irra jiru jabeessinee eegna jechuun Raadiyoon Sagalee Amerikaa ykn VOAn deebii kenne xumuree jira.

VOA does its best to cover the situation in Ethiopia and the Tigray region fairly and accurately. There are strong feelings in the region about the conflict, and we hear from partisans of all sides. Our goal is objective journalism.

When we receive complaints, we investigate and take actions, if necessary, against journalists whose coverage has violated our principles of producing accurate, balanced and comprehensive reporting, with this or any other story. However, we do not comment on specific personnel matters.

We attempt to independently verify information. Our broadcasts in the Amharic, Afan Oromoo, and Tigrigna languages serve nearly 12 million people per week, because audiences recognize that our reporting is free of political interference. We take that major responsibility seriously, not only during this time of conflict in the Horn of Africa, but in covering news around the world.

Yaadawwan Ilaali (15)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG