Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeefame Jedhu Jiraatonni


Mormii tibba kana godhame, Arsii, Oromiyaa
Mormii tibba kana godhame, Arsii, Oromiyaa

Godiina Boranaa aanaa miyoo Hiddii Lolaa keessatti Kibxata har’a hiriirri mormii gaggeffamuu jiraattonni ibsanii jiru. Kunis aanaalee Oromiyaa mootummaan gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti kutuuf jira jechuun ka mormuu fi kanneen hidhaman akka hiikaman kan gafatu ture.

Bulchaan aanaa Miyoo Obbo Jambaree Abarraa garuu, lafti gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti citu hin jiru, kun mootummaa uummataan filatame humnaan fonqolchuuf yaalii kashalabonni gaggeessani dha ittiin jedhan.

Gama kaaniin Godina Arsii Lixaa aanaalee adda addaa keessatti Wiixata kaleessaa mormiin gaggeeffamuu Jiraattonni beeksiisanii jiru.Kanneen Oromiyaa irraa hidhamanii jiran fi 400 caalan haa gadhiifaman, reebichaa fi doorsisi haa dhaabatu jedhu - Hiriirtonni. Bulchinsii Godina Arsii Lixaa deebii kennuu irraa of qusatee jra.

Guutuummaa Gabaasa kanaa armaa gadiitti caqasaa

Oromiyaa Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeefame Jedhu Jiraatonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:17 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG