Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hirira Mormii Oromiyaa Irratti Lubbuun Namaa Bade


Hirira Mormii Oromiyaa Irratti Lubbuun Namaa Bade
Hirira Mormii Oromiyaa Irratti Lubbuun Namaa Bade

Hiriirri mormii Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru itti fufee jiraachuu jiraattonni godinaalee addaa addaa ibsaa jiran. Hiriirri kun irra jireessi nagaan geggeessamee kan xumurame ennaa ta’u bakka tokko tokkotti gara hookkaraatti jijjiramuu lubbuun namaa illee dhabamuu jiraattonni nuti dubbifne nuuf ibsaniiru.

Wixata darbee qabee shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu Garba Gurraachaa, aanaa Dagam Hambisoo Fichee akkasumas aanaa Wucaalee magaalaa Muka xurii keessatti geggeessamee jira. Oromiyaa keessatti mormiiwwan geggeeffaman ilaalchisuu dhaan biiroon dhimmootii kominikeeshinii mootummaa Oromiyaa deebii kenneen humnootii nageenyaa fi uummata nagaan mormii isaa dhiyeeffataa jiru gufachiisuu yaalantu nagaa uummataa booressa jedhee jira.

Itti gaafatamaan biiroo kanaa obbo Baayisaa Kumaa akka jedhanitti gaaffii uummataa deebisuuf mootummaanis mootummaan naannoo Oromiyaas hojjetaa jira jedhan.

Hirira Mormii Oromiyaa Irratti Lubbuun Namaa Bade
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:08 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG