Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira mormii yuniversitii Bulee Horaatti bahanitti barataa tokkotti ajjeefamee hedduutti miidhamee baayyeettu hidhame jedhu barattoonni


Yuuniversitii Bulee Horaa

Hiriira mormii yuniversiti Bulee Horaatti Bahan irratt barataa tokkotti ajjeefamee hedduutti miidhame jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00

Rakko godinaalee Oromiyaa gama Lixaatti quunnamtiin bilbilaa fi Interneeti addan cituu akkasumas dhimma tasgabbii-dhabinsaan wal-qabatee yaaddoo qabna, kanneen jedhan - barattoonni Yunivarsitilee adda addaa yeroo hiriira bahanitti midhaan isaan irraa gahuu dubbatu.

Barattoonnii kun Oromiyaa Lixaatti tajaajillii internettii fi bilbillii addaan waan citee maatiin wal arguu dadhabauun yaaddoo keessaa akka jiran dubbatu.

Hiriira mormii yuiversitii Bulee Horaa hardhaatti akka barattoonni jedhanitti akkaataan ummatii Oromiyaa gama Lixaa jiru keessa jiru waan baayyee nama yaaddessaati.

Gadda kana ibsachuuf baanee huccuu gurraattee uffatanii bahuu isaanii ka ibsatan barattoonni kun “Humna waraanaa mooraa keessa jiru barattoota reebuu,heddu makiinaatti fe’ee geesse"jedhu.

Barataan hiriira mormii yuniversitii Bulee Horaa hardhaatti lubbuun baate barataa waggaa sadaffaa Naatinaahel jedhama jedhu barattoonni.

Yuniversitiillee dhiyoo kana hiriirii mormii itti geggeeffame Madda Walaabuu, Yuniverstii Arsii,Haroo Maayaa fi Bulee Horaati.

Gama kaaniin akka bakka bu’aa paarti Biltsiginnaa Oromiyaa obboO Taayee Dandahaa jedhanitti duullii riphee loltoota Oromiyaa Lixaa irratti geggeeffamu waan haaraa miti.

Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaano gama isaan sochileen akkasii barattotas midhaaf saaxilee rakko geessu waan maluuf barattoni akka irra of qusatan akeekkachisee jira. Muktaar Jamaal tu gabaase

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG