Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Naqamtee fi Godinaa Wallagga Bahaa Gurmuulee Hidhattootaa Balaaleffachuun Hiriira Bahan, Jedha Waajirri Paartii Mootummaa  


Jiraattonni Naqamtee fi Godinaa Wallagga Bahaa Gurmuulee Hidhattootaa Balaaleffachuun Hiriira Bahan, Jedha Waajirri Paartii Mootummaa 
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:56 0:00

Jiraattonni Naqamtee fi Godinaa Wallagga Bahaa Gurmuulee Hidhattootaa Balaaleffachuun Hiriira Bahan, Jedha Waajirri Paartii Mootummaa 

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Naqamtee, jiraattotni magaalattii fi Godina Wallagga Bahaa “kuma kurnaniin llakka'aman” jedhe Gurmuuleen "Shanee, Faannoofi Hidhattootni Warraaqsa Bilisummaa Uummata Benishaangul(BEHNEN)” gochaa badiisaaniirraa akka of qusataniif hiriira balaaleffannaa taasisan, jechuun beeksisee jira.

Hirmaattota hiriirichaa keessaa hagi tokko, "Nagaan bu'ee akka tasgabbiin jiraatuuf hiriira baane" jechuun Sagalee Ameerikaatti himan. Dubbi-himaan Idil-addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo – Odaa Tarbii ammoo, gochaa gareen isaanii ittiin balaaleffamee haalanii, “hiriichi kan uummatni bilisa tahee geggeeffate otuu hin taane ka mootumaan ofii qindeesse” jechuun VOAf deebii kennan. Gurmuulee balaaleffataman lamaan kaan irraa hanga ammaatti deebii hin arganne. Naakoor Malkaa tu Ambo irraa erge.

XS
SM
MD
LG