FINFINNEE —
Hiriirri mormii dhiibbaa Ameerikaan mootummaa Itoophiyaa irratti gaggeessitu haa dhaabbatu jedhu miseensotni hawaasa Yuunivarsitii finfinneetti har'a gaggeeffameera.
Mata duree ni gaha jedhuun kan gaggeeffame hiriirri kun dhaadannoo sagale maleessaan dhaaddanno barreeffamaan harkatti qabataniin kan raawwatame.
Hiriirri kun ka'umsi isaa Yuunivarsiitii finfinnee kan taasifate Imbaasii Ameerikaa biratti ture kan jedhan qindeessitootni hiriirichaa namoonni hiriira irratti hirmaatan yaada mormii isaanii xalayaan Imbaasii Ameerikaaf kennus ibsaniiru.