Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirawwan Gidduu Kana Oromiyaa Keessatti Geggeessaman Hookkaratti Jijjiiruuf Namoonni Bobba’an Qabaman, Jedha Mootummaan Oromiyaa 


Itti-gaafatamaa Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Addisuu Argaggaa
Itti-gaafatamaa Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Addisuu Argaggaa

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hiriirawwan geggeessaman keessatti namoonni Oromiyaa keessatti hookkara kakaasuu, dhiiga dhangalassuu fi qabeenyaa namoota dhuunfaa barbadeessuutti fuuleffatanii socho’an qabamuu isaanii, mootummaan naannoo Oromiyaa dubbatee jira.

Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Addisuu Argaggaa akka jedhanitti, Shawaa Kaabaa, aanaa Warra-Jaarsoo, magaalaa Gohaa-Tsiyoon keessattii fi aanaalee Oromiyaa hiririirrawwan gidduu kana itti geggeessaman ka biroo keessatti namoonni akkanaa qabamanii harka poolsii Oromiyaa jiran.

Qorannaanis itti fufee jira. Miseensonni garee mormituu fi jiraattonni Sahawaa Kaabaa irraa VOA-f ibsa kennan immoo immoo, “mootummaa giddu-galaa tu hiriira nagaa uummatni geggeesse gara hookkaraatti jijjiruuf namoota ergama addaa qaban kana nutti bobbaase” jedhan.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Hiriirawwan Gidduu Kana Oromiyaa Keessatti Geggeessaman Hookkaratti Jijjiiruuf Namoonni Bobba’an Qabaman, Jedha Mootummaan Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:19:51 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG