Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganttuun USAID Itiyoophiyaatti daawwannaa taasisan


Gargaartun bulchiinsa Ejensii Misooma Adduunyaa Yunaayitid isteets / USAID Saarah Chaarles Onkoloolessa 20 amma 23 2021 ti Itiyoophiyaa daawwachuu isaanii USAID ibseera.

Akka ibsii kun jedhetti, Saarah Chaarles jaarmiyaalee Kaaba Itiyoophiyaatii gargaarsa namooma kennaa jiran, hanga’ota mootummaa fi wareen gargaarsaa namoomaa arjoomani wajjin wal arganii marii taasisaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasadaraa U.S Geetaa Paasii waliin ta’uuns gara naannoo Amaaraa deemuudhaan Baahir daar keessatti haanga’ota mootummaa naannoo waliin marii taasisuun isaani fi rakkina Tigraay, Amaaraa fi Afaar keessaa jiruun namoonni kuma dhibbatti lakkawaman buqqa’uu isaani akka hubatan ibsii USAID himeera.

Hoggantootaa jarmiyaalee miti -mootummaa waliin wal arganii waa’ee wabii midhaan nyaataa dubbachuun isaani , akkasumas dhaabata mootummoota gamtoomanitti qindeesituu gargaarsa namooma Kaatiriin Sozi waliin wal arganii barbaachsuumaa hogansaa jabaa dhaabata mootumoota gamtoomanii irratti haa sa’aniiru jedhameera.

Saaraah Chaarles turtii Finfinneedhaa fi Baahir daarti taasisan kana keessatii Tigraay keessati tajaajillii walquunnamtii, baanki fi tajaajiloonnii biroo akkaa deebi’anii ojii irraa oolan , karaan gargaarsi namoomaa ittin dhihaatuu akka daanqaa malee banaa ta’u gaafachuun isaanii ibsameera.

Sababa TPLF naannoo Amaaraa keessatii lola taasisaa jiruun kan ka’ee namoottan naannoo Amaaraa irraa buqqa’ani naannoo Baahir Daar boqatani wajjin wal arganii waa’ee jireenyaa isaani kaleessaa fi har’aa irratii Saarah Chaarles maryachuun isaani gabaasameera.

Daawwanaa gargaartuu bulchiinsa USAID wajjin walqabatee Yunaayitid Isteets ergaa rakkoon kaabaa Itiyoophyaa dhalatee as gargaarsa namoomaa doolaara Miiliyoonii 663 ta’u arjoomuun ishee ibsameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG