Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongee Hamaan Uummata Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Keessaa Mudachuuf Akka Jiru Gabaasame


FAAYILII - Naannoo Somaalee, aanaa Danaan keessati dargaggoo jabilee hongeen miidhamte eegaa jiru, Fullbaana, 3 2017
FAAYILII - Naannoo Somaalee, aanaa Danaan keessati dargaggoo jabilee hongeen miidhamte eegaa jiru, Fullbaana, 3 2017

Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa kibba gama bahaa keessatti hongee hamaan uummata miliyoona sadii ol miidhaa kan jiru ta’uu koreen baraarsaa kan sadarkaa addunyaa beeksisee jira. IRCn akka jedhetti biyyoonni gaanfa Afriikaa lama biyyootii addunyaa 20 kanneen waggaa kana rakkoo namoomaa hamaan miidhaman keessaa ti jedha gabaasi Mohammed Yusuf Naayiroobii irraa erge.

Hongee Hamaan Uummata Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Keessaa Mudachuuf Akka Jiru Gabaasame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:48 0:00

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan toora biyyoota 20 hordoffii yeroo hatattamaa kan bara 2022 koreen baraarsaa tarreesse keessaa ti. Richard Kiroozers IRCtti daayiriktera damee Somaaliyaa ti. Haalli namoomaa biyyoota lamaanii keessaa gaarii miti jedhan.

Kiroozers akka jedhanitti gaanfi Afriikaa Erga yeroo hanga tokkoo as qarqara rakkina hamaa irra ga’ee jira. Yeroo ammaa hanqina wabii nyaataa hamaa fi namoonni qe’ee ofii irraa buqqa’uutu nu mudatee jira jedhan.

Koreen baraarsaa akka jedhetti hanqinni roobaa naannoleen hangi tokko waggoota 40 keessatti haalli hamtuun isaan mudatee jira. Yoo xiqqaate uummanni miliyoonni sadii hongeen kan miidhaman yoo ta’u, kanneen 170,000 ol ta’an bishaan, marga dheedichaa fi gargaarsa namoomaa barbaacha qe’ee ofii dhiisanii godaananiiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG