Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan KUO, ‘Hidhaan Qabsoo Irraa Nu Hin Dhaabu’ Jedhu


Waggaa afurii booda dhiheenya kana magaalaa Finfinnee keessatti ka kora sabaa geggeessate, Koongiresiin Uummata Oromoo deemsa isaa waggoota afuran dabranii fi gufuulee isa mudate xiinxaluudhaan karoora baroota sadan dhufanii lafa kaayyachuu isaa hogganaan dhaabichaa, Dr. Mararaa Guddinaa, gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin geggeessaniin ibsanii jiran.

Paartii Oromoo ka biraa, Warraaqsa Federaalistii Uummata Oromoo wajjiin walitti-dhabalamanii dhaaba tokko tahuuf akka hojiin jalqabamu murteeffachuu, akkasumas, gamtaa Medrek gara Addaatti jijjiiruuf yaada dhihaate raggaasisuu dabalee dhaabni isaanii murtiilee ijoo tahan hedduu dabarsuu fi waggoota sadan dhufaniif miseensota hoji-gegeessituu, miseensota koree gidduu fi to’attoota filachuu isaa dubbatu, Dr. Mararaan.

Miseensonni hooggana isaanii, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi miseensonni isaanii ka biroon hidhamuu fi shororkeessummaan himatamuu ilaalchisuun ennaa dubbatanis, “Namni jabaatee mootummaa kana dhiibe hundi mootummaa kanaaf diina. Mootummaan wanni inni barbaadu mormituun dadhabaa tahee akka harka kennatu, mootummaan kun waggaa shantama, dhibba akka bitu akka yaadu. Kanaaf miseensota keenya hidhaa, kanaaf miseensa keenya hari’ata . . . Akka nuti baqannee, qabsoo dhiisnee, qeheetti gallee ciisnu barbaada. Nuti immoo, inni hidhame hidhamee, inni hojii hari’atame hari’atamee hamma sabni keenya bilisa bahutti, hamma sabni keenya abbaa qehee isaa, abbaa dachii isaa, abbaa biyya isaa tahutti qabsoon keenya itti fufuu qabaa, saba keenya dhiisnee hin baqannuu dha,” jehdu.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG