Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Dhimma Gargaarsa Namoomaa Ka Tokkummaa Mootummootaa Itiyoophiyaa Akka Daawwatan Beekame  


Faayilii - Dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti itti gaafatamaa dhimma namoomaa fi qindeessaan gargaarsa atattamaa, Maartiin Griiffiths 
Faayilii - Dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti itti gaafatamaa dhimma namoomaa fi qindeessaan gargaarsa atattamaa, Maartiin Griiffiths 

Dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti itti gaafatamaan dhimma namoomaa fi qindeessaan gargaarsa atattamaa Maartiin Griiffiths

Itiyoophiyaa daawatu.

Ittii gaafataamaa dhimaa namoomaa ta’anii yeroo kana itiyoophiyaa dhufuun isaanii barbaachisaa akka ta’ee kan ibsan Maartiin Griiffiths barana barbaachisummaan gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessatii dabaluu isaa ibsaniiruu. Akkauma Kanaan wal waraansii Tigraay fi Beenshangul Gumuz keessa jiru, kutaalee Affaar, Somaalee fi bulchiinsaa sabaa fi sab-lammoota kibbaa keessa hookkorii hawaasa gidduu jiru, ongeen naannoo somaalee, oromiyaa fi Affaar keessa jiru akka fedii gargaarsa namoomaa ol kaasse dubbataniiru.

Itti gaafatamichii siviilotaa midhaan irra gahee fi hojjattoota jaarmiyichaa wajjin haasa’udhaaf gara naannoo Tigraay waan deeman yemuu ta’u, haanga’ootaa mootummaa naannoo Amaaraa wajjin dubbachuudhaafs gara Magaalaa Baahir Daar hin deemu jedhameera.

Kaayyoon daawwannaa isaanii hangaa’ootaa Mootummaa fi qaamolee gargaarsaa wajiin akkataa tajaajila gaarii keenuu danda’amuu irratti marii gochuuf akka ta’ee kan dubbatan itti gaafatamichii, mariin isaanii akka milkaawaa ta’u hawwaniiru.

Maartiin Griiffiths Hawaasnii dhimmaa namoomaa rakkinaa amma biyyatiin keessa jirtuuf deebii kennudhaaf mootummaadhaa fi ummataa Itiyoophiyaa wajjin hojjachuudhaas akka fedhii qabuu ibsanii,

Jarmiyaaleen Mootummoota gamtoomanii 90 ol ta’an dhaabilee mootummaa fi miti-mootummaa idilee adduunyaa, akkasumas jaarmiyaalee mootumootaa wajjin fedhii gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa guutudhaaf hojjachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG