Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippoorter: Hoogganaan Waajjira DH.D.U.O Aangoo Irraa Kaafaman


Oromia Region
Oromia Region

Angawoonni Oromiyaa gameeyyiin Lama itti gaafatama isaanii irraa akka kaafaman gaazexaan biyya keessatti maxxanfamu Reporter gabaasee jira. Akka gabaasa gaazexaa kanaatti kan aangoo irraa kaafaman dura taa’aa Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee fi itti gaagatamaa waajjira dhimmootii nageenyaa obbo Solomoon Kuchuu ti. Mootummoonni Federaalaa fi ka naannoo Oromiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa hin kennine.

Gabaasi gaazexaa kanaa mirkanoofnaan kun aangoo irra kaasuuf jijjiirraa aangoo ta’uuf deema.

Presidentiin mootummaa naannoo Oromiyaa fi dura taa’aan Dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa erga du’anii booda jijjiirraan aangoo kun kan jalqabaa ta’uu isaa ti.

Itti gaafatamaa Paartii naannoo Oromiyaa bulchu kan dhaabbata Dimokraasummaa uummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee angawaa gameessa naannoo Oromiyaa keessaa tokko.

Miseensa hoji raawwachiistuu IHADEG 36 keessaa tokko ta’uu dhaanis tajaajilaa jiru. Akka gabaasa sanaatti yoo ta’e garuu obbo Dhaabaan aangoo isaanii kana irraa akka ka’an murtaa’eera. Itti gaafatamaa waajjira nageenya naannoo Oromiyaa kan turan obbo Solomon Kuchuus itti gaafatama isaanii irraa akka kaafaman murtaa’eera. Waajjirri siyaasaa IHADEG xumura torban darbee wal ga’ii geggeesseen haala nageenya naannoo Oromiyaa irratti mari’achuu isaa, murtiin sun kan darbes wal ga’ii sana irratti ta’uu gabaasa sana irratti tuqameera.

Akka gabaasa sanaatti miseensa koree hoji raawwachiistuu Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo fi directorri waajjira abbaa taayitaa Gumurkii Itiyoopiyaa obbo Bekir Shaallee bakka obbo Dhaabaa itti gaafatmaa waajjira Dha.D.U.O ta’anii akka hojjetaniif murtaa’eera.

Gorsaan qindeessa dhimmootii uummatata kan muumicha ministeeraa Hyilamaariyaam Dessaaleny obbo Bezzuu Waaqbeekaa immoo itti gaafatamaa waajjira dhimmoota nageenyaa Oromiyaa ta’anii akka hojjetan murtiin darbeera.

Gabaasi sun madden tuquu dhaan akka ibsetti angawoonni gameeyyiin naannoo Sanaa itti gaafatama irraa akka kaafaman kan murtaa’e yeroo dhiyoo as kan geggeessame sochii mormii uummataa fi nageenyi jeeqamuu to’achuu dadhabuu isaanii irraan kan ka’e.

Ittiin ka’umsi haala naannoo Oromiyaa kan yeroo ammaa rakkoo bulchiisa gaarii ta’uu mootummaan Federaalaa fi angawoonni DH.D.U.O dubbataniiru. Taayitaa itti aanaa muummee ministeeraatti qindeessituun damee bulchiinsa gaarii fi itti aantuu dura teessuun dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo aadde Asteer Maammoo kan isaan ibsanis kanuma ture.

Aadde Asteer akka jedhanitti Haalli Oromiyaa kan yeroo ammaa baatilee darban keessa sababaalee adda addaan keessumaa immoo adda durummaa dhaan sababaa rakkoo bulchiinsa gaariin kan ka’e bakkaawwan adda addaa keessatti hookkaraa fi jeequmsi jiraachuu arginee jirra. Kanaaf ittiin ka’umsi jeeqamaa fi hookkara kanaa inni ijoon rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uu gamaaggama keenyaan adda baafannee jirra jedhan.

Rakkoo dhuma bulchiinsa gaarii Kanaan wal qabatee angawootaa fi hoogganoota waajjiraalee hojii itti gaafatamoo ta’an irrattis tarkaanfiin akka fudhatamu ibsamee tuare. Mootummaan Naannoo Oromiyaa torbanneen hanga tokko dura miseensota hoji raawwachiistota sadarkaa ol aanaa isaa waliin marii geggeesse irratti kan argaman itti aanaa dura taa’aan naannoo Sanaa obbo
Isheetuu Dessees isuma kana ibsanii tuaran.

Akkuma sababaalee jiranitti tarkaanfiin ni fudhatama. Rakkoon dandeettii yoo jiraate, rakkoon ogumaa yoo jiraate jedhan. Dandeettii ogumaa ilaalchisee hojii bakka buusuu-tu geggeessama jechuu dha. Tarkaanfiin fudhatamu isa kana ta’a. Battala hojii irra oolas jedhan.

Itti gaafatama isaanii irraa akka kaafaman kan ibsame balleessaan angawoota lamaanii bulchiinsa gaarii waliin wal qabachuu isaa gabaasa sana irratti hin tuqamne. Sochii mormii naannoo sana keessatti geggeessame ilaalchisees dirqamni isaan hin ba’in hafanis mul’inatti hin ibsamne.

Angawoota Dh.D.U.O dhimmi isaa ilaallatu bilbilaan arguuf yaaliin godhe hin milkoofne jedha Eskinder.

Mootummaan sochii mormii naannoo Oromiyaa keessatti ka’eef kan himataa ture Kongeresa Federaalistii Oromoo fi farreen nageenyaa kan ittiin jedhee fi humnootii polotiikaa biyyootii alaa jirani. Murtiin aangoo irraa kaasuuf aangoo irra gaa’uu mul’inatti ibsamee itti dabalaa argamnaan gabaasa bal’aa kan dhiyeessu ta’uu Eskinder Frew Finfinnee irraa gabaaseera.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG