Manni-murrtii Ol’aanaan, ka Federaala Itiyoophiyaa itti-aanaa dura-taa’aa Warraaqasa Federaalistii Uummata Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa fi Itti-gaafatama Waajra Giddu-galaa Kongiresa Uummata Oromoo, Obbo Olbaanaa Leellisaa faa yakka irratti dhihaateef akka raga of irraa ittisaa dhiheeffatan murteessuun beellama kenneefii jira.
Deemsa Mana-murtii kana irratti kan ibsa nuuf kennan – barreessaan Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa, jalqabuma yeroo himannaa sana irraa jalqabee haalli hojiin sun itti geggeessame akka sirriin hin ta’iin dubbatu.
“Akka heera Itiyoophiyaatti namni shakkiin hidhame tokko haga yakki sun ragaan irratti mirkanaawee abbaa-murtiin itti muramutti yakkamaa miti. Yeroo dheeraaf mana-hidhaa kaa’amuun irra hin turre.
Kan hoogganootaa fi miseensota mormitootaa kana irratti raaw’atame immoo kana. Akkuma isaan hidhamanitti aangawoonni Mootummaa “jarreen kun yakkamoo dha. Shororkeessota. Ragaa irratti qabna” jechuuun bakka adda addaatti dubbachuu jalqaban. Manni-murtiis yeroo dheeraaf Obbo Beqqeleefaa deddeebisaa ture. Haala kana keessatti murtii haqaa argatu, amantaa jedhu hin qabnu,” jedhu, Obbo Beqqelee Nagaa.
Gama biraan, hoogganootaa miseensota isaanii irratti aangawoonni mootummaa ka dhiibbaa fi hiraarsa guddaa oofaa jiran tahuu dubbatu.Melleskaachew Amahaa, Wixata dabre kana Finfinnee irraa akka gabaasetti “Shororkeessummaatti hirmaachuu fi daangaa abbaa-biyyummaa tuquu” yakka - jedhuun, Abbaan-alangaa Itiyoophiyaa baatiilee haga tokko dura, Itti-aanaa Dura-taa’aa WAAFIDOO -Obbo Beqqelee Garbaa fi Itti-gaafatamaa Waajira giddu-galaa Koongiresa Uummata Oromoo - Obbo Olbaanaa Leellisaa faa irratti himannaa dhiheesse – jechuun dubbate, Manni-murtii sun.
Akka Mannichi-murtii jedhutti, Abbaan-alangaa kanneen yakka sana naaf mirkaneessu jedhe - ragaa-baatota dhageessisee jiraa, ragaalees dhiheessee jira. “Kanneen abbaan-alangaa dhiheeffate - ragaaleen barreeffamaa fi namaa, akka himannaa dhihaateetti gochaalee yakkaa sana hubachiisee jira” - ka jedhe, Abaan-murtii Itiyoophiyaa Obbo Beqqelee Garbaa faa, ragaalee of-irraa ittisaa akka dhiheeffatan murteessuudhaan ragaalee kanas, Ebla 25 fuul-dura keenyaatti akka dhiheessan ajajee jira - jechuun gabaase – Melleskaachew Ammahaa.
Godinaa Qellem Wallaggaa keessatti aangawoonni naannoo, mormitoota sababaa adda addaan yakkuudhaan gabaa keessa naannessan reeban - ka jedhu irratti immoo, deebii Bulchiinsa Godinaa sanaa argachuuf deddeebisnee bilbillee haga ammaa itti hin milkoofne. Akkuman argannetti dhiheessina.
Qophii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa