Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaardagaa-Jaartee keessatti namoonni gara 25 ta’an Wiixata dabre kana qabamanii hidhamuu isaanii dubbatu – jiraattonni aanichaa. Namoota hidhaman keessaa irra-jireessi miseensota paartii mormituu, ka Koongiresa Federaalawa Oromoo ta’uu isaanii illee jiraattonni aanichaa ibsanii jiran.
Namoota hidhaman jedhaman keessaa;Obbo Margaa Booree, Katamaa Nagaasa, Katamaa Namoomsaa fi Faantaa Toleeraa jiraachuullee dubbatan. Akka jiraattonni jdhanitti, namoonni hidhaman kun, akka dhimmi isaanii mana-murtiitti dhihaatee ilaalamuuf gaafachuuf jecha haga har’a waaree boodaatti nyaata lagataa turan.
Bakka-bu’aan bulchaa aanaa Jaardagaa-Jaartee, Obbo Fayyeeraa Soorii, garuu, "hidhamtoota sababaa siyaasaatiin qabaman qulqulleeffadhee hin beeku, kanneen mana hidhaa jiran namoota sababaa hannaatiin qabamani," jedhu. Kana malee."Kanneen maqaan isaanii armaa olitti tarreessame tarii humna nageenyaan qabamamuu malan, haga ammaatti gabaasaa hin arganne," jedhanii jiru.
Itti-aanaa Itti-gaafatamaa waajira poolisii aanaa Jaardagaa-Jaartee, Komaander Girmaatti bilbillee turre, garuu eega gaaffii keenya dhaggeeffatanii booda telefoona isaanii cufan.