Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horsiisee bulaalleen akkuma warra baddaa misoomuu male.


Oromiyaa balloo tana keessaa warrii horiin bulu miliyoona afurtti jira.Jireennii horsiisee bulaa biyya hedduu bokkaa dhabee rakkachuu,siyaasaa irraa fagaachuu,misooma isaa fi horii isaatii male dhabuu,horii isaa gabayaa bu’aa dansaa irraa argatutti gurgurachuu dhabuu dabalee hedduun wal fakkaata.

Akka warra magaalaa ykn warruma diraa misooma argachuu malellee.

Taatullee jiruun horiisee bulaa Oromiyaa akka jecha Koomishineera Koomishiinii Horsiisee Bulaa Oromiyaa,Obbo Abebee Waldeetti amma akka durii kaanii miti.“Jarilleen akkuma warra baddaa misoomuu qaba…misoomii guddaan ammoo bisaan irraa jalqabaa…hujiin teenna guddoolleen waan akkana kana guutuu” jedhu.

Taatullee horiisee bulaan Koomishiinii ufii qabaatee mootummaa biratti beekkamee jiraachuun ta duriitiin yoo walti laalan waan hedduu qajeelcheef qaba.

Mee waan tana irratti obbo Abbebee Waldee gaafanne MP3 fuula computera keessanii gama harka mirgaatiin oli jirtu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG