Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hosteelii Booranaa durii Jaatanii Alii Yaaballotti jaare birrii miliyoona 3 oliin ballisanii jaaruutti jiran


Hosteelii Booranaa birrii miliyoona 3 oliin haaressani jaaruutti jiran
Hosteelii Booranaa birrii miliyoona 3 oliin haaressani jaaruutti jiran

Yaaballotti 'hosteelii Booranaa' jaaranii haaressuuf bulchiinsi birrii miliyoona 6 oli argate
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:13 0:00

Hosteelii Yaaballoo Shaalaqaa Jaatanii Aliitti ilmaan horsiisee bulaa fageenna lafaatiif barachuu dadhabde barsiisuuf fulaa hedduutti jaare.

Hosteelii akkanaa Yaaballoo,Taltallee,Nageellee Booranaa,Mooyyalee fi fulaa akka akkaatti yayyaban. Hosteeliin sussun amma caaccabdee fulaa hedduutti onte.

Hosteeliin Yaaballoo akka namii achitti baratu Galgaloo Jaatanii jedhetti gubbaa qorqooroo,jalaan simintoo hin qabdu,kuyyiisii keessaan bahee ijoolleen acitti galtu rakkoo keessa jirti jedha.

“Eegii Jaataniin jaaree biraa deemee namii irra bahee millateeyyuu hin jiru.” Hosteelii Yaaballoo maqaa “hosteeli Booranaa” jedhani beekan ijoollee 310tti itti gala.

Yaaballuma keessa hosteeliin ijoollee dubraalleen rakkuma akkana fakkaattu keessa jirti.Ibsee fi bisaaniiyyu hin qabdu.

Hosteelii Booranaa tana jaaruuf birrii miliyoona 6 olii itti argatan.Biiroon barnoota Oromiyaa miliyoona 3 itti dabalteef.

Akka kanaan jaarsa hosteelii tanaa marsaa qaraatiin birrii miliyoona 3 oliin itti jiran.Hosteelii Yaablloo manneen hedduu itti dabalanii dhagaan jaaruutti jirani ji’a sadii keessatti fixuuf itti jiran.

Biiroon barnoota Oromiyaa,biiroo aadaa fi turizimii Oromiyaa fi biiroleen hedduun hujii tana komputera,makiinaa fi firaashii kennanii gargaaran.

Komputera 50 kennan keessaa 20 hosteelii Yaaballotiif 30 ammoo mana barnoota sadarkaa lammeessotifi Mooyyalee haaraaf kennan.

Bulciinsii godina Booranaa,aabba Guyyoo Galgaloo “Jaatanii hedduu qabaachuuf, barnootaan Oromiyaa dhaqqabachuuf ‘hordofilleen duuluma’ jennee karoora ‘misooma sammuu namaa’ baafanneen jaaruutti jirra,” jedha Hoteeliin durii Nageellee Booranaatti jaare ‘Dooloo-Nagellee Booranaa hosteel’jedhan.

Akka daarekterii hosteelii sunii, Yaa’iqooba Tullichaa jedhe hosteeliin sun ammo Onsoola,baddoo, mana kitaabaa,fulaa sagalee itti sooratan,fulaa ijoolleen dubraa bultuu fi waan hedudu hin qamne.Bara tokko jeneraal Baacaa Dabaleetti ijoollee sun gagaaraa bahe.

Hosteelii Taltallee Miillammii

Aabba Taadhi Waaqoo,bulchiinsa aanaa Taltallee keessa jira.Miillamiilleetti hosteeliin durii Jaatanii Alii jaare yaa caaccabde. Eegee bulchiinsillee manneen itti daddaree jaare.Namii akka Dr Ibraahim Amee faatillee hosteelii haaraa achitti jaaran.Hosteelliin durii jaaran ammoo firaashii,onsoolaa,siree fi waan hedduu hin qamne.

Hosteelii Mooyyalee Shawaa Barree

Achilleetti hosteelii Jaataniin faan durii jaaran amma fuluma namii shaayii itti gurguratu taate.

"Maallqa baankii qamna caalaa ijoollee mana barnootaati qamanaa caala,” jedha aabba Guyyoo Galgaloo.

"Beesee baankii qabaa caala ijoollee mana barnootaatii qabaatti caala"
"Beesee baankii qabaa caala ijoollee mana barnootaatii qabaatti caala"

Bulchiinsii tana maleellee warra Boorana barsiisuun biyyaa fakkeenna tahe jedhe.

Iidee Laangi

Iidee Laangi ganna 40 caala Booranaa fi Gujiitti barnoota baballisaa bahe
Iidee Laangi ganna 40 caala Booranaa fi Gujiitti barnoota baballisaa bahe


Dr Ibraahim Amee,

Dr. Teshoomee Kelkilee

Elmaa Qaamphee

Qaamphee Dabbsoo

Huqqaa Garesee

Dejenee Warquu

Wandiyyee Kaasayee fi nama hedduu badhaase.

Tana maleellee Ijoollee godina kanaa yuniverstitiitti qabxii dansaa qaban manneen barnotaa akka dansaa ijoollee barsiisan,warra ijoollee hedduu barsiifatee fi barsiisota jajjaboollee ya badhaasan.

Ijoollee barattootaa,manneen barnootaatii fi barsiisota badhaafaman
Ijoollee barattootaa,manneen barnootaatii fi barsiisota badhaafaman

Akka bulchaan godina Booranaa jedhetti godina isaanii hosteelii magalaala afi bulchiinsi jaare 30 olii qabaa 1,000 olitti keessa jira.

Hosteeliin biyyitii alaa gargaaru ta akka hosteelii Jermen faatii eegii Jermen gargaarsa dhaabdee cufani ya turte.

warra badhaasa guurrate
warra badhaasa guurrate

“Horsiisee bulaa dammaqaa mirga isaatii falmatu uumuu kaayoon teenna baratuu fi hubatu uumuu. Hawaasa kana taakkisiisuuf hujiitti jirra,”jedha aabba Guyyoo Galgalo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG