Dilloon aanaa godina Booranaa 13n keessaa tokko.Dilloon lafa dhaadhaati,oowwichoo.
Bisaan Billiqqoo,bisaan aanaa Dillootii baasanii godina Booranaa cufaa waliin gahuuf ganna kurnyan duratti jalqaban.Hujii tana akka abbaatti biiroo Interpiraaziyii Oromiyaatti jalqabe.
Hujii tana ganna hedduu asi ittuma jiran. Akka qara jedhanitti silaa bisaan kun dheebuu nama baasuu qofaa mitii bisaan eletkitiriin galafatanii lafaan qotatanii midhaaniin oobratan.
Booranatti amma lafatii guddoo bona.Bisaan Billiqoo ka midhaaniin facaafatani dhiisii akka warrii lafaa jedhutti “kun namuma dhala gaangee eegate.”
Aabba Duuba Mallichaa,itti aanaa bulchaa aanaa Dillooti.“Dillootti namii dheebuu hin xiixu.”
Akka jecha isaatti dheebuu jajjabduutti harkaa nama qaba.Haroleen gugurdoon hin jirtu.
Namii amma akka aabba Duubii jedhutti adaadii keessa bisaan fedhata. “Goorrahii fi Dilloo keessaa bisaan fedhata lafa yaa’a.”Bisaan Billiqoo akka jecha itti aanaa bulchaa Dillootti woma jibbaatan.
Akka seeraatti akka aabba Duubii jedhetti namii baaddiyaa .5km irraa bisaan argachuu male namii magaalaa ammoo metirii 500 irratti argachuu male amma ammoo gara keennatti namii kma 10-15 yaa’ee bisaan barbaadata.
Buufta bisaan itti buusan 79 kan akeessaa 23 mana barnoota amma 4tti hojjachuutti jira.
Harollee namii bara bonaa herrgatu Haroon Boruu Fooraaharro “barana hin naqanne bonaa fi ganna silaa namaa geetti.”
Aanaan Dilloo akka jecha aabba Duubi jedhutti gargaarsa boottii fi dhaabbilee fi mootummaa kennuun bisaan diqqaattullee qooduutti jira.”Torbaan tokkollee guyyaa bisaan hin arganne faatti jiraachuu dandaha.”
Bisaan Dilloo kun silaa ardaa akka Areeroo, Waacilee, Mooyyalee, Yaaballoo,Taltallee fulaa hedduu waliin gahan jedhanii karoorsan.
“Karoorallee gurrumaan dhageenne malee womaa hin garre nuun hin baane.Hujiin isiilleen namuma dhala gaangee eegate.”
Warrii lafaa haga bisaan jedhan kun bahanitti akka maashinaan haroolee qotaniif fedha.
Bisaan Billiqqoo nama kuma dhibba hedduu dheebuu baasee,rakkoo keessaa ufi baasan jedhanii ganna 10n jalqabanitti akka war lafaatii fi bulchiinsii jedhetti tuubboon bisaanii duuddee,makiinaa dandaaahee,karaa irra ejaajja.
Aanaa Areerootti ammoo walyi hojjachututi jiran.Taatullee akka jecha itti aanaa bulchaa Dillootti bisaan namaa fi hori afaan gahan hin jiran.
Gama dhibiin ammoo silaa fulaa tokko tokkotti dhaabbilee mootummaa hin tahain,mootummaa fi ummatii itti wal gargaaree rakkoo bisaan Booranaa diqqaatullee akka durii irraa ya goomte.
Boonoo fi bisaan eelaa bokkaan jiraachuu baanaan waan nama gahaatii miti. Aanaa fi ollooti Dilloo ammallee Oromiyaa fi godina irraa boottii bisaanii eegahuutti jiran. Bisaan Billiqqoo ka ganna 10 caala turan jedhanillee gaafuma isaan bahan eegatan abdiin guddoon ammoo waaqa roobu jedha warrii lafaa.