Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni ABUT Walloo fi Kaaba Shawaa Gad Dhiisanii Ba’uu Mootummaan Beeksise Qabeenyaan Manca’uus Gabaase


Faayilii - Humnoota waraana Itiyoophiyaa, Caamsa 11, 2021.
Faayilii - Humnoota waraana Itiyoophiyaa, Caamsa 11, 2021.

Humnoonni ABUT kka qabatanii turan naannolee Walloo kibbaa keessaa waaltaalee eegumsa fayyaa irra miidhaa guddaan ga’uu isaa qajeelfamni eegumsa fayyaa godinichaa beeksisee jira.

Gareen kun himannaa irratti dhiyaateef deebii kan hin kennine yoo ta’u, waaltaaleen kunis hojii isaanii edilee haala hojjechiisuu dandeessisu irra hin jiran jedhamee jira.

Itti gaafatamaan qajeelfama eegumsa fayyaa Walloo Kibbaa Anteeneh Demmellas VOAf ibsa kennaniin magaalaalee fi gandeen ABUT qabatee ture keessa ka jiran waaltaaleen eegumsa fayyaa manca’uuf saamicha hamaatu irra ga’e jedhan.

Miidhaa dhaqqabe illee gareen qoratu hundeeffamuu isaa beeksisaniiru.

Humnoonni ABUT lafa isaan qabatanii turan naannolee kaaba shawaa keessaa akka isaan ba’an gochuutti aansee tajaajilaawwan mootummaa jalqabsiisuuf sochiin godhamaa jiraachuu hoogganaan godinichaa beeksisan. Kaaba shawaa aanaalee shanii fi gandeen 86 seenanii kanniin turan humnoonni ABUT guutummaan naannoo sana gad akka gad dhiisan ta’uu bulchaan godinaa sanaa Taddesee G/Tsaadiq VOAf kaleessa ibsaniiru.

Kan Dimtse Wayyaaneen wabii godhatee fi dheengadda tuuta oduuf ibsa kennan kan jedhame Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el garuu humnootii isaan hooggananis ta’e qaama isaan diina ittiin jedhan haalli isaa gamaaggamamee tooftaa dhaan duubatti deebi’uu isaanii ibsuun ni yaadatama.

Bulchaan sun akka jedhanitti, naannolee gareen kun qabatee ture keessatti dhiittaan mirga namaa suukaneessaan raawwatamuu, qabeenyaan uummataa manca’uu himatu. Dubbi himaan TPLF Getaachoo Redaa garuu himannaa sana haalaa turan.

Naannolee Amaaraa godinaalee ja’a irraa buqqa’anii kanneen dhufan qaamoleen hawasaa kuma 400 ta’an jiraachuu waajjirri ittisa balaa fi wabii nyaataa godinichaa VOAf ibsee ture.

Kanneen kuma dhibbatti tilmaaman jiraattonni godinichaa gara Dabre Birhaan, Finfinnee fi naannolee hollaatti kan baqatan yoo ta’u, kanneen kaaba shawaa irraa buqa’an kaleessaa qabee deebi’anii deggersi kan godhamuuf ta’uu bulchaan kun mirkaneessaniiru.

Gama biraan sababaa wal waraansa sanaan kanneen miidhaan irra ga’eef gargaarsa midhaan nyaataa dabaluu dhaan torban darbee qabee magaalaalee Dasee fi Kombolcha keessa kanneen jiran namoota kuma 450 oliif deggersi godhamuu isaa USAIDn beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG