Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ejjenoon Qabiinsa Mirga Namaa Ilaalchisee Qabnu Hin Jijjiiramne: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimad wajjira isaanii irraa ibsa oggaa kennan, Finfinnee, Hagayya 2019
Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimad wajjira isaanii irraa ibsa oggaa kennan, Finfinnee, Hagayya 2019

Gamtaan jijjiirama jiru hoogganu mirga namaa ilaalchisee ejjennoon qabu hin jijjiiramne jechuu dhaan muummichi ministeeaa Abiy Ahimed ibsaniiru.

Mootummaan isaanii shakkamtoota balaa Waxabajjii 15 to’annaa jala oolchuu dabalee sagalee namootaa ukkaamsa jechuun lammiiwwan hanga tokko biraa qeeqa dhiyaateef sagaleen namaa akka dhaga’amu kan godhe mootummaa dhuma ofii isaa ti jechuun fudhatama dhabsiisan.

Waxabajjii 15 Finfinnee fi Baahir Daar keessatti ajjeechaa raawwataeen booda ibsa tuuta oduuf kennan isa jalqabaa ti. Mootummaan shakkamtoota haleellaa Waxabajjii 15 to’annaa oolchuutti dabalee sagalee uummataa ukkaamsuuf hojjeta jechuun lamiiwwan hanga tokko biraa qeeqi dhiyaata kan jedhu gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin qeeqawwan kun dhugaa jiru kan hin calaqqisne ta’uu dubbatan.

Sagaleen akka hin ukkaamamne kan jedhu ejjennoo cimaas kan fudhate mootummaa dha. Hidhamtoota kan hike mootummaa dha. Sabaa himaalee ukkaamsaman kan gad dhiise mottummaa dha. Kanaaf sagaleen uummataa akka ukkaamamaniif fedhiin hin jiru. utuu akkas ta’eera ta’ee Itiyoophiyaa keessa kan jiru martinuu gaazexeessaa hin ta’u ture. Sababa sagaleen hin ukkaamamneef oguma isaa kan qabus kan hin qabnes gaazexeessaa ta’ee, xiinxalaa ta’e akka fedhe kan dubbatuuf.

Ejjenoon Qabiinsa Mirga Namaa Ilaalchisee Qabnu Hin Jijjiiramne: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:12 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG