Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa Keessatti Wagga Kana Dhiittaa Mirgaa Hedduutu Raawwatame:Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa


FAAYILII - Humnoota naga eegumsaa naannoo Adabaabayii Masqalaatti, FInfinnee, Waxabajjii 23, 2019.
FAAYILII - Humnoota naga eegumsaa naannoo Adabaabayii Masqalaatti, FInfinnee, Waxabajjii 23, 2019.

Bara lakkoobsa Itiyoophiyaa xumuramaa jiru kana keessatti dhiittaan mirga namoomaa hedduun raawwatamuu isaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsee jira. Komiishinni kun haala mirgoota namoomaa Ityoophiyaa keessaa ilaalchisee gabaasa lammaffaa Roobii har’a baasen walitti bu’iinsi, tasgabbii dhabinsi fi haleellaan gareewwan hidhataniin raawwatamu gidiraa fi sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti sababoota ijoo ta’uun isaanii itti fufee jira jedheera.

Bulchiinsaa fi mootummaan Feedeeraalaa hanga tokko keessatti gareewwan hidhattoota adda addaa waliin yaaliin nageenyaa taasifamaa jiru bu'aa jajjabeessaa, kan waaraa fi itti fufiinsa qabu ta'ee osoo jiruu, kan galma ga’uu danda’u adeemsi iftoominaa fi hawaasa dhiibbaa irra gahe keessattuu dubartoota yoo hirmaachisee qofa jedha gabaasnii ba’e kun.

Dirqiin dhabamsisuu, gara jabiina, gocha namummaa of keessaa hin qabnee fi qaaneessaan, bakkeewwan hidhaa ifa hin beekamneetti nama hidhuu, hidhaa seeraan alaa fi abbaa fedhan qabanii hidhuu, akkasumas mirga namoomaa kan bu'uuraa akka barbaadanti ugguruu fi kannene biroo akka dhaabbatu komishinichi gaafateera.

Gabaasni kun dhimmoota biroo furmaata hatattamaa barbaadan itttiin jedhes akeekeera.

Sadarkaa sodaachisaan lubbuu namaa dhabamsisuu, miidhaa qaamaa fi gidiraan lammiilee nagaa Oromiyaa bakka adda addaa keessatti mul'achaa jiru gama bulchiinsa naannoo fi federaalaatin hatattamaan qorannoo guutuu fi loogii hin qabne barbaada jechuun ibseera. Gabaasni ba’e kun akka bara baajataa Itiyoophiyaatti - baatii Amajjii bara 2022 kaasee hanga waxabajjii bara 2023 - gidduutti waan ta’e kan hammate yoo ta’u, madaallii waliigalaa haala mirga namoomaa biyyattii kan of keessaa qabu. Gabaasichi fooyya'insa gaarii ijoo argaman, yaaddoowwan ijoo, rakkoo mudatan akkasumas, yaada furmaataa lafa kaa’ee jira.

ka/jg/tg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG