Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaa Keessaa Fixiinsa Sanyii Ittisuu Irratti Ibsa Tokkummaa Mootummootaa Biraa Kenname


Faayilii -Waajira Tokkummaa Mootummootaa, Niiw Yoorki
Faayilii -Waajira Tokkummaa Mootummootaa, Niiw Yoorki

Dhimma ittisa yakka fixiinsa sanyiif gorsaa addaa muumicha barreessaa tokkummaa mootummootaa kan ta’an Alice Wairimuu Nderituu Itiyoopiyaa kessatti hookkarri gosaa hammaachuu fi naannoo Tigraay fi kutaalee biyyattii ka biroo Affaar, Somaalee, Oromiyaa fi naannolee Amaaraa keessatti seera namoomaa sadarkaa addunyaa fi seera mirga namoomaa irratti dhiittaa hamaan itti fufuun isaa kan isaan yaaddess ta’uu ibsaniiru.

Gorsaan addaa kun Guraandhala 5 bara 2021 ibsa haala biyyattii ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii turan irra deebi’aniiru.

Erga walitti bu’iinsi naannoo Tigraya jalqabee qabee gorssaan addaa kun, gabaasa dhiittaa mirga namaa, hookkara humnaan gudeeddii, ijoollee loltummaaf filachuu, nama utuu adda hin basin hidhuu, gosa tokko irratti fuuleffatanii ajjeechaa raawwachuun gareelee maraan raawwatamuu isaaf yeroo ammaa immoo kutaalee biyyattii ka birootti illee babal’achuu dubbatan. Ol aantummaa seeraa kabajuun gad adeemaa dhufuu isaaf Tigraay keessaa dhiittaan mirga namaa fi hookkarri akka dhaabatu kan gumiin mirga namaa dhiyeenya waamicha dabarse irra deebi’aniiru.

Gorsaan addaa kun ibsawwan dubbii tuqatan kan hoogganoota siyaasaa ol aanoo fi gareeleen hidhatan baasan illee balaaleffataniiru. Haasaa jibbinsaa, gama miidiyaa hawaasaan kan raabsamanitti dabalamee muddama gosaa biyyattii keessaa hammeessa jiran.

Mootummaan Itiyoopiyaa hookkarri itti dabalaa fi muddama hawaasaalee giddu kan sadarkaa hamaa irra ga’e ittisuuf tattaaffii gochuu dhaan itti gaafatama isaa akka ba’u, Itti gaafatamni kunis dubbiif wal barbaduun akka dhaabatu hojjechuu gafadha jedhan.

Mirgi sabaa fi sablammoota Itiyoopiyaa ykan loogii siyaasaa malee mirgi uummata maraa eegamuun dirqama jedhan. Kanneen dhiittaa mirga namaaf itti gaafataman seeraan gaafatamuu akka qabn gorsaan addaa kun yaadachiisaniiru.Kana gochuu dhabuun yakka sadarkaa addunyaa kan Itiyoopiyaan ittisuuf dirqamni irra jiruuf akkaan yaaddessaa dha jedhan. Gorsaan addaa kun biyyattii keessaa namoota balaaf saxilamaniif eegumsa gochuuf yaalii ta’u akka jabeessan qaamotii dhimmi ilaaluuf hawaasa addunyaaf waamicha dabarsaniiru.

  • Hubachiisa: Oduun kun dogooggora qubee sirreesuuf jecha irra deebiin maxxanfame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG