Dhaabbanii mootummootaa gamtoomanii dhimma ijoolewanii irratii hojjatu UNICEF bulchiinsaa naannoo affaar keessatii lola taasifamaa jiruun walqabatee hagayya 5/2021 manoonii 200 du’uu isaaniif isaan keessaas 100 ijoollewwaan ta’uun isaanii akka isaa yaaddesee ibseeraa.
Lollii Affaar fi Tigraay keessaatti babalchaa deemaa jiru ijoollewwaniif badiinsaa akka ta’e kan himee ibsii UNICEF kun, Tigraay keessatii namoottan qe’e iraa buqa’anii beelaaf saxilamanii gargaarsaa barbaadan 400 000 keessa 160,000 ijoollewwan akka ta’an himeera.
Namoottan miiliyoona 4 naannoo Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessa jiraniif akka gaggaarsaa nyaataa atattamaa barbaachisuu kan hime ibsii kun, namoonii 100,000 dhiyeenyaa kana warren akka haaraatii rakkinaaf saxilamaniidhaa jeheera. Kan keessaa Namoonii miiliyoona lamaa bakka isaanii irraa warren buqa’aniidha.
Ji’oottan 12n dhufan keessa Tigraay keessatti ijoojlewwan hirdhinaa midhaan nyaataa lubbuudhaaf sodaachisaa ta’eef saxilaman dacha 10n akka dabaluu kan hime ibsii UNICEF, waajiraalee mootummaa naannoo fi qaamoolee gargaarsaa biroo waliin ta’uudhaan garee bakka irraa bakka irratti deemee gargaarsaa fayyaa fi nyaataa kennan Itiyoophiyaa kaabaa keessati bobbaasuu isaa beeksiseera.
Rakkoon walwaraansaa kan falaa argachuu danda’u gareewwan wal lolaniin qofan akka ta’ee kan ibsee UNICEF gareen hunduu gargaarsa namoomaa mijeessuudhaaf dhukaasa akka dhaaban gaafatee kamiinuu caalaa gareewwan lola irra jiran ijoollewwaniif akka eegumsaa taasisan waamichaa dhiheessera.