Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsee dira godina Booranaa,Yaaballotti dhaamaa ooltee bultuun namii hujii dhabuutti jira "addunyaayyuu quba qabaachuutti hin jirru”


Ibsee Boorana Yaaballotti dhaamaa ooltuun namii hujii dhabuutti jira

Ibseen dhiitee bariitullee Yaaballotti dhaamtu baankii,warra waldaan jaaramee fi nama hedduu hujii dhoorte
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:00 0:00

Yaa’abal’aa ykn Yaaballo teessoo godina Booranaa namii kuma kurnya hedduu keessa jiraatu.

Waan isiin rakkachuuniitti jrtu keessaa tokko ibsee.Warrii lafaa rakkoo tana dhindhinfatee nyalee dubbata.

“Ammuma dhuftee ammuma baddii. Walumattuu torbaan kana lamaan haga isiin baddetti caala.”

Aabba Huqqaa Garsee jaarsa lafaati. Ibseen akkana dhadhaamtu mi’a elektirooniks nama irraa guggubuutti jirtijirti “sodaannee guddoollee media hin laallu.”

Yoo ibseen baddu ibseen dhaamtu bisaanilleen walumaan badan “wannii ibsee waan naminuu dubbatuunitiiyyuu,” jedha.

Akka jecha aabba Huqaatti guyyaan ibseen halkanii fi guyyaa walti dhaamtu hedduu muummee hin qamne.

Ijoolleen hujii uumatanii wa hojjachuuf waldaa ‘Imaaxaa’ jalatti jaaraman sibiilaa fi muka hojjachaa jiraatan ibseen waan dhaabbuu hin qamneef hujii dhaban.

“Sagalee firiijiitti qabbaneeffachuu hin dandeettuu isumaa shaamaa bitannee idaa dhibii ufitti darra.”

Halkan wa dubbisuu komputeraan wa hojjachuu hin dandahan. Tana caalaatti ammoo neetwoorkii dhabani namaan wal haasahuunuu dhiba guddaa. “Dukkanuma harka naquutti jirra, abboo.”

Lafa dhibiilleen rakkoo ibseen jiraattullee ta akka Booranaa arginee hin beennu jedha, aabba Huqqaan.

Ibseen Yaaballoo Bulee Horaatii dhufti waajjirii guddaan ibsee Itoophiyaa gama kibbaa Hawaasaa jiraa Bulee Horaatti dabarsa.

Itoophiyaan Keenyaan qaxxaamurtee Afrikaa gama Bahaatti ibsee gurgurachuuf hujiitti jirti. Karaan gugurdaan ibsee Itoophiyaa gama Kibbaa Arbaa Minicii dhufee,Konsoon qaxxaamuree,Boorana gama Waalmaliitn taakkee,Magaadoo keessa bahee Soloolo fi Forooletti taakka.

Warri karaan isiin keessa baatu tana irraa ammatti womaa hin argatu.Aabba Jaatanii Diidaa ibseen Yaaballoo guddoo nu makarsite jedha.

“Baankiin tanaa jettee cufaa oolti.Ibseen tun yoo Bulee Horaa dabartu baddi. Oduu quba qabaachuuf,dorgommii ispoortii daawwachuuf, haasaa biyyaa caqasuu dandahuutti hin jirru gaafa ganna haaraa fa womaayyuu caqasuu hin dandeenu,”jedha.

Gaafa Qooqaan hin jirree fi gaafa isa gadi dhiisanillee Yaaballoo rakkoo ibsee jalaa hin baane."Takkumaa rakko ibsee jalaa hin baane hardhallee namii shaamaa,faanosaa fi ibsee bobeeffata.”

Taatullee akka abdiitti jira. Buufata ykn station ibsee Yaaballotti jaaruutti jiran.Yoo akkuma jedhan hurrisee dhumte tunuu goomittaa.

Akka warrii lafaa jedhutti hujiin tun akka dansaa deemuutti jirtii namii halkanii fi guyyaa hojjata. Amma haga karaa Areerootti karaa ibsee ya diriirisan.

“Dhuma ji’a kana irratti hujiin dhumattee aanalee ibseen hin qamnee galchuuf hujiitti jiran.”

Yaaballoo lafa mirgaa bitaan gaaraati. Durii yaa’a Booranaa guddaatti achi taa’a. Achumaan Yaabal’aa taate.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG