Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Guguraman-kutaa 3ffaa


Ijoollee Oromoo bara 1909 fedhii isaaniin gara biyya ofiitti deebi’an 17 keessaa tokko kan ta’e Tolasaa wayyeessaa naannoo isaa Jimma Gibeetti yeroo deebi’u abbaa fi haati isaa waan du’aniif jecha, qabeenya isaanii kan akka lafa qonnaa fi beeleedaalee dhaaluu danda’eera.

Ijoolleen Oromoo gabarummaan qabaman kun warri isaanii dur hiyyeesoota hin turre,soreeyyii beekamoo kan ta’an keessa jiru jedhu qorattu seenaa kan ta'an saandraa Sheel yunivarsitii keep Tawoon irraa.

Tolasaa wayyeessaa Lammiwwan Jarmanii yeroo sana biyya keessa turaniif afaan hiikuun, nama yeroo sana daandilee Itiyoophiyaa keessaa gurguddoo ijaaruu keessaa harka qabu Braan Inglaand jedhamu gargaaraa ture.

Jireenya gaarii gaggeessaa ituu jiruu bara 1974 qabeenyaan dhunfaa kan mootummaa akka ta’uuf waan labsameef Tolasaa wayyesaniis qabeenyi isaa dhaalame.

Akka saandraan jedhantti Ijoollee Ormoo bara 1890 keessa gara Afrikaa kibbaatti geessaman 64 keessaa 18 du’aniiru. 17 immoo fedhii isaaniin biyya ofiitti deebi’an.Achuuma Afrikaa kibbaa keessatti herumanii fudhanii akkasumas hojii argatanii hamma bara 1915tti kan jiraataa turan 15 hin caalan jedha seenaan jiru.

Kanneen hafan 14 woo? kana qorannaa gara fuula duraatti gaggeefamuutu baasuuf jira jedhu Saandraa Sheel.

Qorannaa gaggeesse kana keessatti jedhu Saandraan, deggersa guddaa kan naa laatan akkasumas gaaffileen qabuuf deebii kan naa kennan Professar Mekuriyaa Bulchaa siwidiin irraa kabajaa fi dinqisiifannaa guddaan qabaaf jedhu.

Dr. Neviil Alaksaandar waa'ee akko isaani Biishoo Jaarsaa maal jedhu? Torbee itti fufna.

Sandra Rowoldt Shell kanneen i-meeliin qunnamuu feetan sshell@iafrica.com akkasumas Fees Book gargaaramu dandeessan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG