Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Gurguraman-Kutaa 2ffaa


Ijoolleen Oromoo bara 1888 keessa biyya irraa qabamanii booda walaba ta’uun gara Afrikaa kibbaatti geessaman keessaa Bishoo Jaarsaa tokko.

Gama biraan iIjoollee gara dhaabbata Love dell kan Afrikaa kibbaatti geessaman keessaa durbooni oromoo lama jechuun Bishoo jaarsaa fi ka biraan tokko cichaan barnoota itti fufanii Kradik keessatti barsiisoota ta’an.

Sana booda bara 1911 Bishoo jaarsaa lammi Afrikaa kibbaa fi luba waldaa kristaanaa kan ta’an Freedrik skiipers-tti heerumtee mucaa durbaa Dimbitii jedhamtu godhatan.

Dimbitiin immoo nama ooguuma harkaa qabu lammi Afrikaa kibbaa David Alexander jedhamutti heerumtee ijoollee godhatte keessaa amma umriin isanii 74 kan ta’e Dr Nevelle Alexander Angafa.

Ijoollee oromoo dhaabata Love Dell seenuuf carrooman 64 keessaa haala jireenyaatti baruu dadhabuu irraa kan ka’e hanga bara 1904tti kan du"an 18. Kan biyyatti deebi’an immoo gara 17 ta’u.

warri hafanoo? MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Sandra Rowoldt Shell kanneen i-meeliin qunnamuu feetan sshell@iafrica.com akkasumas Fees Book gargaaramu dandeessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG