Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmaan Horsiisee Bulaa Guddoo Barachuutti jiratanillee Ammallee Dhibuma Hedduu Keessa Barachutti jiran


Ijoolleen horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa yoo jara magaalaatiin walti laalan ammallee duubuma jiran.Yoo ammoo ta duriitiin wal bira qaban guddoo barachuutti jiran.

Akka aabba Kootee Ibraahim,itti gaafatamaan dhaaba mootummaa hin tahini,Waldaa Horsiisee Bulaa Misooma Liiban jedhetti “yoo akkam diqqaatte ganda cufa keessa manneen barnootaatti jra.”

Rakkoon guddoon akka aabba Kooteetti warri horii akkuma amala jireenna isaaniittuu ijoollee isaanii hujiitti gargar qoodaa;kaan looniin,kaan gaalaan,kaan re’een,kaan hujii qonnaatti qoodee hojjatataan.

“Maan jennaan jireenna isaaniitti akkana,horiillee bananii gadi hin lakkisan.”

Hujiin Waldaan Misooma Horsiisee Bulaa Liiban,akka aabba Kooteetti jireenna warra Malkaa-Gubaa guddoo jijjiire,gama barnootaa fi waan hedduun nama gargaara.Taatullee humna guddoo hin qabu.

Ijoollee horsiisee bulaa waan hedduutti barnoota dhowwa;tikaa fi obaa,bonaa fi oolaa,wal dhaba lafaa fi waan akka akkaa faa.

Ilmaan horsiisee bulaa duruu carraa barnootaa guddoo hin arganne yoo argatan ammoo morkaan barachuu malan.Wal dhaba barattootaa godina Gujii ka dhiyoo tanaa faan,namii walti naqee,wallaalaa walti naqee ykn woma taateefuu qalbi nama baratee,ka egerillee wal herregatuu qabaatanii akkuma “hordofilleen duuluma” jechaa barnootaatti jabaachuu malan, aabba Kooteelleen tanuma jedha.

“Wannii akkanaa kun armaan duratti godina keennatti gizee(marroo lama)uumamtee…ijoolleen tun …lafa tana jijjiiruu malte…obboleeyyan isaanii ta baaddiyaatti hafte barsiisuu malee waan akkasii babbaddaa sunitti galuu hin malle.”

Woma taateefuu warri horii ijoollee cufa barsiifachuu dadhabullee faaydaa barnotoa guddoo beekaa akka jecha aabba Kooteetti.

Mee MP3 tana irraa qophii tana nuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG