Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmaan Oromoo bara 1960 keessa Afaan Oromootiin Moqaadishoo oduu addunyaatti himaa baate 'obsaa,ciniinnachaa' keessa dabran


Gaaxexeessitota Oromoo bara 1960 keessa biyya Oromootiin oduu addunyaatit himaa bahan

Gaaxexeessitota Oromoo bara 1960 keessaa Moqaadishoo hojjachaa bahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:28 0:00

Afaan Oromo akka henna biyya alaatti bara 1967 keessa Moqaadishoo dabarsuu jalqaban. Bara sun Afaan Oromoo kana maqaa akka akkaatiin himan,eegee ammoo Sagantaa Afaan Oromoo jedhanii moggaasan.

Barii sun bara mootummaa Somaalee Itoophiyaan wal hadhuu fi qabsoo ABO miila gadi dhaabachaa deemte jedhan.

Mootummaan Somaaleelleen akka waan jiraa Afaan Oromootin biyyatti himan bajata kennee ministera odeeffannoo Somaalee keessaa Afaan Amaaraa waliin dabarsuu jalqaban.

Gama Bitaatii: Shantama Shuubbisaa,Ayub Abubakar fi ka jala jiru Abdi HuseenOromoo bara 1960 Somaalee Moqaadishoo
Gama Bitaatii: Shantama Shuubbisaa,Ayub Abubakar fi ka jala jiru Abdi HuseenOromoo bara 1960 Somaalee Moqaadishoo

Namii bara sun Afaan Oromootiin hujii tana bara 1960 keessa jalqabe,Ayub Abubakar. Ayub akka gaazexeessaa Abdii Huseen jedhetti nama ganna 20 keessa jiru.Kophaa ganna hedduu Afaan Oromootiin Moqaadishoo oduu dabarsaa bahe. Barii sunitti Afaan Oromoo daqiiqaa 5 qofa dabrsan.

Ayub Abubakar mootummaa Itoophiyaatti nama itti bitee isaa fi miilota isaa bisaan garba Indii daakatu keessatti ijjeesan jedhan.

Isaa fi Abdii Huseen haga ji’a sadii waliin hojjatan. Ayub ijjeesee jennaan Abdii Huseen itti dabre.

Bitaa gara mirgaa:Hindiyaa Ahmed,Abdii Huseen fi Umer Mohaammad
Bitaa gara mirgaa:Hindiyaa Ahmed,Abdii Huseen fi Umer Mohaammad

​Namii bara 1967 keessa sagantaa Afaan Oromoo Moqaadishoo dabru gargaaru, keessa hojjatu cufii ijoollee kahimaati. Hagii guddaan warra ganna 20 keessa jiru.

Hindiyaa Ahmed: Bara sun akka gaazexeessaa Abdiin mala muretti nama 18. Niitii Shantama Shuubbisaati.

Dhiirsa isii Moqaadishoitti hidhanii jennaa isa barbaada Dirree Dhawaatii Moqaadishoo dhufte.

Achumaan itti gortee Sagatanaa Afaan Oromootti gargaarte. Gaafas sagantaa Xalayaa qopheessiti.Bara 1972 keessa jalqabdee ganna sadii hojjattee biyyatti deebitee lubbuu dhabde.

Dhiirsii Hindiyaa,Shantama Shuubbisaa Jaarraa Abbaa Gadaa fa waliin ABO gargaaratan jedhanii Yemenii qabanii Somaaleetti hidhanii ganna shaniin duubatti gadi dhiisan.Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bara dheeraatiin duubatti lubbuu dhabe. Shantama Shuubbisaan amma Awustiraaliyaa jira jedhan.

Umer MohamedUsmaan:Innii akka jecha obboo Abdiitti nama ganna 19ti.“Dhufee nu gargaara, yoo tokko tokko oduu dubbisa.Waggaa 3-4 hojjatee eegee ammoo barumsaaf jedhee deeme. Yoo tokko tokko sagantaallee hin hojjata.

Aybuu Abubakr innilleen gannii isaa mana 20 keessa. Gaafa innii Moqaadishootti Afaan Oromootiin hojjchuu jalqabe gannii isaalleen mana 20 keessa jira. Bara sun Afaan Oromoo daqiiqaa 5 qofa.

Abdiin bara 1967-1976 hojjate. Isaa fi Aybuub ji’a sadii waliin hojjatan.Bara sun Afaan Oromoo daqiiqaa 5n jalqabanii eegee saatii tokko tahe.

Mootummaan Somaalee jigee jennaan Abdii fi jaartiin isaa Itoophiyaatti galan. Ji’a sagal hidhanii gadi dhiisan.

Obboo Abdiin bahee jennaan eegee media Itoophiyaa keessa hojjate. Mootummaa IHADEG dhufee jennaan obboo Abdiin Itoophiyaa bahee

Amerikaatti galee amma ijoollee isaa, akaakowwan isaatii fi maatii isaa waliin Amerikaa.MN jiraataisaa, jaarsa ganna 76ti.

Gaazexeessaa Abdi Huseen bara 1967-1976 Moqaadishoo Afaan Oromootiin oduu dabarsaa bahe
Gaazexeessaa Abdi Huseen bara 1967-1976 Moqaadishoo Afaan Oromootiin oduu dabarsaa bahe

Warrii bara sun keessa sirba Afaan Oromootiin rakkoo jirtu sirbaan himaa bahe hedduu keessaa

Yuunis Abdullaahi

AbdullaahI Arusii

Shantama Shuubbisa

Sagantaan Afaan Oromoo Raadiyoo Moqaadishoo irraa dabarsan:

Haasaa maanugddoo,filannoo xalayaa,

Sirba qabsoo

Geerarsa kkf

Barumsa amantii Quraan ammoo (Sheek Mohaammad Rashaad) irraa bita. Sheek Mohaammad bara sun mana barumsa sadarkaa lammeessoo Moqaadishoo Afaan Arabaa barsiisa achumaan Afaan Oromootiin amantii barsiisaa bahe.

Shantamaa Shuubisaa.Gaafas gannii isaa mana 20 keessa jira.Amma Awustiriyaalaa. Jarii Bilisummaan aananii abbaa beekuutti dhuga jedhee miilota isaati.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG