Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmii Abiidii Peelee,gurbaan ganna 21 Taphata Baranaa Beekamaa Tahee Badhaafame


BBCn barumua baraan,tapahttoota Afrikaa biyya alaa taphatan “Player of the year,”ykn taphataa baranaa akka dansaa tapahte jedhee badhaase.Barana ilma Abiidi Peelee Andree ‘Dede’ Ayewu badhaaste.Anderee Dede Ayew,Yaayyaa Turee,Gerviinoo,Samu’el Etootii fi Seydou Keita moohatee badhaafame.

‘Deden’ ilma Abiidii Peelee sadeessoo.Abiidii(Peeleen),Ayew tapahtaa garee Gaanaa fi ka eegee Faransaayti, tapahta Brazil beekamaa,akka Peelee taphataa Peelee Gaanaa jedhanii itti moggaasan malee maqaan isaa Abede Ayewu. Adoo tana jennuu Peeleenuu maqaa itti moggaasan malee maqaan isaa ka dhugaa Edison Arantes do Nascimento namii kun ka durii gaafa dhageennuu kubbaan innii dhiiteeyyuu neettii urtee baatii ykn gaafasitti dharaa dhugaa isii beekuu baannullee kubbaan innii dhiite sibilaa gooliituu diqquma hin buqqfine jedhan kaan.

Woma taateefyy,Andre ‘Dede’ Ayew,gurbaa ganna 21ti,garee Faransaayii taphata,filamee jennaan akkana jedhe.

“Haga duraallee caala jabaadhee baga na filattan jedhee agarsiisuuf hojjadha,…Gaanaa qofaa mitii Afrikaa fi addunyaatti na filatee.”

Abbaan Dede,Abiidii Peeleetuu bara isaatti nama badhaasa akkanaa argate,isaa fi ilmaan isaalleen nama kubbaa miilaa taphachuun beekaman, maan argattan jennaan “waaqattti nu badhaase,”jedhe.

Gama kaaniin garee kubbaa miilaa Botswaanaa tapha gareen isiilleen bara dhufu dorgommii waancaa Afrikaatii taphattu TVn daaachuun hin dandeettu.Dhaaba Farnsaay ka tapha kana Afrikaatti TVn dabarsutti biyyiti tun doolara miliyoona lmatti dhiyaattu ta tapha kana dabarsuuf baasan hin kaffalllee jedhee dhowwe.

Gara Itoophiyaatti deebina.Itoophiyaan biyya addunyaatti atileetiksiin beekamti.Karaa Abbebee Biqilaa faana duwwaan baneef miilii Qananiisaa,Daraartuu,Hayilee fi hedduun itti jiran.Atileetiksiin beekamtee maaniif kubbaa miilaatiin dadhabde?Mee waan jiraa nuu barreessaa,nuu bilbilaa achumaan qophii Ispoortii hardhaa MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG