Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaltoonni Rakkoo Guddaaf Saaxilamne Jedhu


Daandilee Gurguddoo Finfinnee ka’ani gara kutaalee biyyaa adda addaa geessan keessaa tokko ka Finfinnee ka’ee Naqamte ga’u ta’uun beekamaa dha.

Daandiin kun yeroo dheeraa duraa kaasee Asfaaltii kan ture yoo ta’u, keessumaa ka Geedoo fi Naqamtee giddu jiru maqaa deebisanii suphuu jedhuun hojiin isaa eega jalqabame waggaa lama caalee jira.

Hojii kana jalqabuu dura akkuma baratame daandii biraa yeroof banuun otuu jiru, isuma jiru gam tokkoon suphaa gam kaaniin immo konkolaataan gamaa fi gamanaa dabaree wal bira akka darbu gochuun danqaa guddaa uumuu isaa imaltoonni iyyaataa jiran.

Rakkoo kana ilaalchisee Waajirri Abba-taayitaa Daandilee Itiyoophiyaa deebii kenneen kaampaaniin kana hojjacuuf kontraata fudhate kan Chaayinaa yeroon meeshaalee barbaachisan qophessue dadhabuu fi of-gidduutti rakkoo qabaachuu tu hojii sana boodatti hambise jedha.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG