MAQALEE —
Paartiin wal ta’iinsa dimokraasummaa Tigraay magaalaa Indaasillaasee keessa sochii siyaasaa geggeessaa utuu jiranii qaamotii mootummaan hidhaa fi reebichi nu irratti raawwate jechuun komee dhiyeessan. Poolisiin magaalattiis gama isaan namni hidhames reebames hin jiru jedhee jira.
Garuu eeruu hawaasa biraa dhiyaateen eenyummaa namoota sanaa gaafachuuf gara waajjira poolisiitti geessuun gaafannee gad dhiisne jedhee jira.