Xurree ittiin seenan

Breaking News

Indiin $ biliyoona shanii Afrikaa liqeessuuf waadaa galte.


Hujiin karaa baabura Itoophiyaa -Jibuutiitiif walti dhaabu haraa ammoo gargaaruuf $kuma 300 kennaa jette.

Indii fi Afrikaan ganna sadiin durratti New Delhiitti marii taahanii akka egerii waliin hojjachuu dandahan irratti mari’atan.Mariin dhiyoo tana Finfinneetti teette lammeessoon tunillee faana marii sunii dhfutee bulchootii Afrikaa akka Indii waliin hojjachuu dandeettu irratti mari’atan.

Akka muummeen ministera Indi,Manmohan Singh kora Finfinneetti taahe irratti jedhanitti biyyitii isaanii $b5 Afrikaa kennitee akka isiin ganna sadeen dhufaatti ufiin wallaantu faluu feeti.Daldala qofaa mitii akka Afrikaan misoomaa fi gama barmusaalleen ufi dandeettu tolchuuf.

Muummee minsitera biyya tanaalleen tanumatti Afrikaatti imatuu fide.

Afrikaan waan addunyaa keessaa qooda qabaachuu malaniin cufaa hin qabdi,tanaafuu biyya addunyaan guddinnaa eegattu tahuu dandeetti.Tanaaf ammoo Afrikaan qalbii haaraa qabaachu malte.Gama barmusaa fi waa akkanaatiin wallaanuuf ammoo liqee $miliyoona 700 kennina.”

Gama kaaniin Indiin hujii karaa baabura Itoophyaa –Jibuutii hojjachuuf ammo gargaarsa $kuma 300 kennuuf waadaa galte.

Indiin biyya doolara biliyoona hedduu baaftee lafa Afrikaa ta namii waan heduduuf abdatu keessatti hojjachuutti jirtu keessaa tokko.

Mee oduu tana MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG