Prezidaantiin Iraan Hassan Rouhani biyyi isaanii Amerikaa waliin marii gam lameenii gidduu kan hin gaggeesine ta’u beeksiisan.
Paarlaamaa isaanii duratti kan dubbatan Rohaaniin akka jedhanti mariin kan gaggeeffamuu danda’uu yoo Amerikaan uggura Iraan irra keesse mara yoo kafte jedhan. Kana malees mariin gaggeeffamu biyyoota bara 2015 keessa walii galtee Nukleeraa yeroo tolfame mallatteessan martii argamuu qaba jedhan Rohaaniin.
Prezidaantiin Amerikaa walii galtee sana keessaa kan ba’an bara dabree yoo ta’u qabxilee walii galtee sana keessa jiran eeha qeeqanii booda. Biyyonni walii galtee kana mallatteessan Briteen Chaayinaa Faransaayii Raashiyaa Jarmanii fi Gamtaa Awuroopaa turan.
Traamp torban dabree gita isaanii kan Iraan waliin wal arguuf balballi banaa ta’u fi marii gaggeessuuf carraa gaariin jira jedhanii turan.