Xurree ittiin seenan

Ayyaanni Irreechaa Kan Bara 2017 Nagaa Dhaan Geggeessamee Xumurame

  • Namoo Daandii

Ayyaana Irreechaa kan bara 2017 Hara Arsadii Bishooftuu

Ayyaanni Irreechaa guyyaa har’aa magaalaa Bishooftuu haroo Arsadiitti sirna ho’aa fi nagaa dhaan geggeessamee xumurame. Akkuma kanaan dura gabaasaa turrettis malkaa Irreessaatti angawoonni polotikaa fi humnoonni qawwee hidhatan hin argamne. Poolisiin Oromiyaa hidhannoo malee foollee abboota Gadaatiin filataman wajjin ta’u dhaan ulaalee adda addaa irratti akka uummata sakatta’ee dabarsaa ture beekamee jira.

Irreecha
Irreecha

​Bishooftuu waajira abboota Gadaatti bilbiluu dhaan abbaa Gadaa Maccaa Takkaalaa Dhinsaa haasofsiisnee jirra. Abbaa Gadaa Taakkalaan miseensa koree hoji raawwachiiftuu gamtaa Abboota Gadaa Oromootis.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG