Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiayaa keessatti hidhamuun gaazexessootaa itti fufee jira


Gaazexeessan friilansii Amiir Amaan Kiyaaro suuraa cida isaa Onkoloolessa 17, 2021 ture irratti suuraa ka'e. Amiir gaazexeessaa viidiyoo madda oduu AP-f hojjatu

Dhaabbani oduu Assosheetid Pirees (AP)’n gabaasaan viidiyoo isaa Itoophiyaa jiru, magaalaa Finfinnee keessatti Poolisiin hidhamuu beeksise.

Oduu wal fakkaatuun, Komishiniin mirgoota Namummaa Itoophiyaa, Gaazexessitoota hidhaarra jiran ilaalchisee mootumaan haala keessa jiran haa hubachiisuu jechuun ibsa baaseera.

Gama biraan, Jaarmayaan mirga gaazexessitootaaf falmu, CPJ jedhamu, Itoophiyaan “Labsii Yeroo Muddamaan qabattee gaazexessitoota hidhuurraa of haa qusattu” jechuun beeksiseera.

Komishiniin Poolisii Federaalaa gama isaan, “Gaazexessaan AP, Gurmuu shororkeessaa Shanee uummata addunyaatti beeksisuuf waan hojjateef hidhame, kanneen biroollee waan dambii labsii yeroo muddamaan dhorkame eeguu dhabaniif hidhamani” jechuun ibseera.

Itti gaafatamaan Miidiyaafi Komunikeeshinii Komishinichaa Obbo Jeeylaan Abdii, “Ibsi CPJ himannaa sobaati” erga jedhan booda, Ibsa Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa baaseen waan yaadachiises yoo tahe, “Labsii yeroo Muddamaan wantoota dhorkamani” jechuun Sagalee Ameerikaatti himanii jiru. Naakor Malkaa gabaasa qaba.

Itiyoophiayaa keessatti hidhamuun gaazexessootaa itti fufee jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:54 0:00


Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG