Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Hongeen Hammaate Kanatti Itiyoophiyaa Keessatti Daa’imman Hanqina Nyaata Madaalawaa Lubbuuf Yaaddeesseen Gidiramaa Jiru Jedhame  


FAAYILII - - Mooraa namoonni sababa ongeen buqahan keessa jiran, Godee, Naannoo Somaalee, Ebla 27, 2022.
FAAYILII - - Mooraa namoonni sababa ongeen buqahan keessa jiran, Godee, Naannoo Somaalee, Ebla 27, 2022.

Dhaabbatni gargaarsaa biyya Briteen, “Save the Children” jedhamu ibsa har’a baaseen lammiwwan Itiyoophiyaa kuma kunaan lakkaawaman hongee gama Bahaa fi Kibba biyyattii mancaasaa jiru irraa kan ka’e hanqina nyaata madaalawaa “lubbuullee galaafacuuu maluun” gidiramaa jiru jedhee jira.

Gaanafa Afrikaa keessatti roobni marsaa afuriif yeroo isaatti hin roobiin hafuu isaa fi marsaan shanaffaaf kan roobes baay’ee xiqqoo waan taheef, waggoota afurtama keessatti caama isa hamaa naannichatti fide, jedhama.

Sababaa kanaan rakkoon beelaa hamaan Keeniyaa, Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa mudachuun gabaasamee jira.

Akka gabaasaan “Save the Children” jedhutti, Itiyoophiyaa – naannoo Oromiyaa, naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Uummatoota Kibbbaa, nananoo Somaalee fi naannoo Kibba Lixaa keessatti uummata miliyoona tokkoo ol tu gargaarsa nyaataa yeroo hatatattamaa barbaada.

Daa’imman kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan immoo, hanqina nyaaata madaalawaa lubbuu galaafachuu maluun gidiramaa jiran – akka gabaasaan kun jedhutti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG