Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Filannoon Marsaa 6ffaa Gaggeeffamee 


Hojjattoota Boordii Filannoo Itoophiyaa, Waxabajjii 21, 2021
Hojjattoota Boordii Filannoo Itoophiyaa, Waxabajjii 21, 2021

Lammiwwan Itiyoophiyaa biyyatti harka caalaa keessatti har’a paarlaamaa fi bulchiinsa naannoof sagalee kennaa kan oolan yoo ta’u filannoon kun sababaa weerara vaayrasii Koronaan ammaan dura yeroo biraatti kan darbee ture.Bakka saagaleen itti kennan 547 keessaa 478tti wiirtuuleen banamanii jiru.

Sababaa wal waraansaa fi godaansa uummataan kan ka’e Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti filannoon kan hin gaggeeffamne yoo ta’u bulchiinsa naannoo Somaalee fi Afaar hanga tokko keessattis falmii daangaa jiruun filannoon hin gaggeeffamne.

Oromiyaa dhiyaa hanga tokkoo fi Bulchiinsa naannoo Beeneeshaanguul Gumuuz keessatti walitti bu’iinsa gosaan kan ka’e filannoon hin gaggeeffamne.

Bakkowwan kanattis filannoon baatii Fuulbaana dhufutti gaggeessuuf saganteeffamee jira.

Prezident Saahlewark Zawdee Finfinnee keessatti sagalee kan kennan yoo ta’u filannoon kun kanneen darban irra Demookraatawaa akka ta’u nana mana jedhan.

Dura ta’an paartii Izemaa Dr. Biraanuu Naggaa filannoo dhugaa yeroo jalqabaaf biyyatti keessatti gaggefefame jedhan.Deemsa isa hafee ilaaluuf jirra jechuun oduu gabaastootaaf ibsan..

Dura ta’an taajjabdoota gamtaa Afrikaa fi prezidaantiin Naayjeriyaa duraanii Olusheeguun Obosaanjoo filannoon Itiyoophiyaa kun akkuma eegameetti gaggeeffame jechuun oduu gabaastootaaf ibsan

Kana malees Carraa itti hirmaachuu banuun Filannoo darban irraa inni kun baayyee gaarii dha Jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG