Gatiin Beenzinaa harka 16 kan dabalee yoo ta’u gatiin Naafxaa harka 22n dabaluu ibsamee jira.
Ministeerrii daldalaa akka jedhutti daballi gatii ta’e kun Beenzina litirii tokko kan duraan qarshii 31saantiima 74 ture gara Qarshii 36 fi saantiima 87tti dabalee jira.
Naafxaan immo, litriin tokko kan duraan qarshii 28 saantiima 98 ture amma gara qarshii 35 fi saantiima 43tti dabale.
Gatiin inni haaraan kun deggersa maallaqaa boba’aa mootummaan duraan gochaa ture waggaa keessatti akka ka’uuf murteessuu isaa waliin hidhata qaba yoo ta’e waan beekamuu hin jiru jechuun Addis chekol gabaasee jira.