Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gola Naga Eegumsaatti Xalayaa Ergite


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaan Robii darbe xalayaa ergitee kanaan yaalii dhiyeenya kana Sudaan fi Masriin gochaa jiran kan golli naga eegumsaa dhimma hidha laga Abbayyaa keessa akka seenuu gaafatu fudhatama kan hin qabne ta’u ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Itiyoophiyaan xalayaa ergiite Kanaan yaalii Masrii fi Sudaan gochaa jiran kun deemsa hoggantummaa gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jiru tuffachuun booda irra immoo hojii qubsaa hin hojjanne jechuun labsuuf yoo ta’u kunis wal amantaa biyyoota sadeen gidduu kan nyaataa deemuu ta’a jette.

Mariin maanguddummaa Gamtaa Afrikaan hogganamuu eega jalqabamee as Masrii fi Sudaan yeroo 9 deemsa ture addaan kutuun yaaliin gamtaa Afrikaa dhugumaan gaggeessu tuffachuun marii gaarii ture danqan jedha xalayaan Itiyoophiyaa kun.

Dhuma irrattis golli naga eegumsaa biyyonni lameen amantii gaariin marii hoggantummaa gamtaa Afrikaan gaggeefamuutti akk deebi’an jajjabeessaa jechuun gola naga eegumsaa gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG