Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Labsii Yeroo Muddamaa Kaasuu Yunaayitid Isteetis Simatte  


State Department - LOGO
State Department - LOGO

Yunaayitid Isteetis Labsiin Yeroo Muddamaa Itiyoophiyaa keessaa kaasamu ka simatte tahuu ibsi Ministirii Dhimma Alaa biyyattii irraa bahee beeksisee jira. Lolli yeroo ammaa deemaa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu xurree saaquuf kun tarkaanfii barbaachisaa mootummaan Itiyoophiyaa fudhate kaan akka tahe eere, “tarkaanfiin fudhatame kun namoota labsii yeroo muddamaa kanaan qabanii, otuu himannaan irratti hin dhihaatiin mana hidhaa jiran hatattamaan hiikuu itti aansuu qaba,” jechuun gaafatee jira.

Hidhaan xumura argannaan, mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisuu fi bu’a qabeessa tahe akka geggeessamu haala miijessuuf karaa tu saaqama, jedhe itti fufee.. Yunaayitid Isteetis waraansi akka hatattamaan dhaabatu, gargaarsa namoomaa danqaa malee dhaqqabsiisuun akka danda’amu, miidhaalee fi cabinsawwan mirgoota namoomaa irratti qorannaa iftoomina qabu akka geggeessamu fi lolawwan akka mariidhaan furmaata argatan gochuuf jecha gareelee hunda waliin dubbachuu itti fufti, jechuun xumura – ibsi Ministiriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis baase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG