Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootumman Itiyoophiyaa Namoota Garee Dhokataa Hokkara Oofu Keessa Jiru Ittin Jedhe 47 To'annaa Jala Oolchuu Ibse


Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa, Obbo Girmaa Yeshiitlaa (Suuraa miidiyaa mootummaa irraa agrame)
Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa, Obbo Girmaa Yeshiitlaa (Suuraa miidiyaa mootummaa irraa agrame)

Miseensota "garee dhokataa" kan gocha shororkeessummaa keessatti hirmaatan 47 to'annoo jala oolchuu isaa humnii Waloo nageenyaa fi tikaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Ibsa kaleessa baaseenis, shakkamtoonni kun bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti qondaaltota olaanoo irratti haleellaa raawwachuu, naannoo sana Amaaraa to’achuu fi mootummaa federaalaa kuffisuuf hojjechaa akka turan ibseera.

Akka ibsa ba’e kanaatti, barsiisonni, abbootiin qabeenyaa miidiyaalee, fi rogeeyyiin kanneen Itiyoophiyaa fi biyyoota alaa keessa maadheeffatan, miseensota garee kanaa keessaa ta'uu isaanii ibsee jira.

Gareen kun ajjeechaa miseensa koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa isa biyya bulchaa jiruu fi itti gaafatamaa waajjira isaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa kan ta’an, Obbo Girmaa Yeshiitlaa irratti hirmaataa akka ta’es ibsichi eerera.

Akka kaaniis namoota barbaadamaa jiru jedhe tarreessee Keessaa, Obbo Haabtaamuu Ayyaaleew, Obbo Minalaachaw Simaachaw, Obbo Biruuk Yibaas, Aaddee Iyyerusaalemm Tekle Tsadiq, Obbo Zamadkun Baqqalaa, Obbo Lidatuu Ayyaalew, Obbo Masaay Makonnan, Obbo Gobazee Siisaay, Obbo Mihrat Wadaajoo, Obbo Ballaxaa Gaashaaw fi Obbo Mulugeetaa Anbardir Ta’uun ibsamee jira.

Namoota baatii Eblaa keessa hidhaman keessaa Dr. Wendesen Assefa, gargaaraa profeesaraa Sisay Awgchew professor Maeregu Biyabeyn, Dr. Meseret Worku , Tesfaye W/ Maryam fi kanneen biroo yeroo afur mana murtiitti dhiyaataniiruu jechuun Keeneedii Abaataa Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG