Ji’ottan Afuran darbaniif mana hidhaa mootumma Itiyoophiyaa keessa kan ture Gaazexessoon dhaaabataa Oduu Idilee adduunyaa Asoshiiyetid preesiif hojjatu , Amiir Amaan Kiyaaro fi ogeessi kaameeraa Toomaas Ingidaa tokkoon tokkoon isaanii birrii Kuma 60 wabii qabsiisuudhaan akka gad lakisaman manni murtii Feederaalaa Sadarkaa jalqabaa Qibxata har’aa Bitootessa 29/2022 murtesuu isaa Dhaabbanni oduu Asoshiiyetid prees ibseeraa.
Sadaasa 28 , 2021 jalqabee kan mana hidhaa ture Amiir Amaan Kiyaaroo irratti abbaan alaangaa yeroo qorannaa dabalataa gaafatus, abbootiin seeraa garu gaafiicha diduudhaan iyyanoo Abukaatonii himatamaa dhihessan fudhachuudhaan murtoo dabarseeraa.
Gazexessonni kun himataa seeraa Shorokeessumaa jalatti ilaalamun yoo balleessaan irratti murtaa’ee hidhaa wagga 15n akka adabamuu dhanda’an Inspeektarri poolisii feederaalaa Tasfaayee Olanii midiyaatii dubbachuu isaanii Gabaasinni Asoshiiyetid prees kun eereera.
Gaazexesonii kun lamman yemuu labsiin yeroo muddamaa hojii irra ture, miseensotaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo isaa Mootumman Shanee jedhee waamuu haasofsiisuu isaaniitif himatamanii mana hidhaa keessa turan.
Gaazexessonni kun wabiidhaan gad lakkisamanii dhimma isaanii mana hidhaatii ala ta’anii akka hordofan kan ajjaja kenne manii murtii feederaalaa Gaazexessonii kun amma dhimmii isaanii raawwatutti akka biyyyaa hin baane murtoo ugurii dabarsuun isaas beekameera.
Amiir Amaan wabiidhaan hikamuun isaa akka gaarii ta’e kan dubbatan Daarektarri Asoshiiyetid prees Juulii Pees, Amiir Gazexessaa of danda’ee hojii isaa hojjatu akka ta’ee ibsanii, kan xiyyeefannaan irratti godhameefis waan hojii isaa hojjateef waan ta’eef mootummaan Itiyoophiyaa himannaa irratti dhiheesse akka haqu gaafachuun isaanii gabasameera.
Mootummaa akka gaazexessota kan mana hidhaati baasuu, dhaabileen mirgaa namoomaa fi mirgaa Gaazexessootaaf falaman, akkasumas miseensonii mana maree mootummaa US kan akka Adam Shiif bakka bu’aan Kaaliiforniyaa fi Meerii Gaay Skaanlon bakka buutuun Penselveeniyaa gaafachaan isaanii ibsameera.